Thursday, September 10, 2026
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Leenjii Sirna IBEX Milka’inaan Xumure
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Marsaa 3ffaa sababeeffachuudhaan marii abbootii seeraa wajjiin Laangannoo Ijaa Risoortitti gaggeeffamee jira.
Gamaaggamni Raawwii Hojii Manneen Murtii Waliigala Oromiyaa hojiiwwan waggaa guyyoota lamaaf Magaalaa Shaashamannetti Qindeessummaa MMO Magaalaa Shaashamannee fi MMO Godina Arsii Lixaatiin gaggeessaa ture milkiin xumureera.
Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 4ffaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqullina, si'aayina fi dhaqqabamummaa qabu mirkaneessuuf,akkasumas haqni hawaasa keessatti akka raawwatamu gochuuf bara hojii kana keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjataa ture gaggeesseera
Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Sirreeffamtoota Manneen Murtii Magaalaatiin Murtiin Balleessummaa Itti Kennamee Adabbii Itti Murtaa'ee Raawwachaa Jiran Tajaajila Haqaa Kennamaa Jiru Irratti Mariisiseera.
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Marsaa 3ffaa Sababeeffachuudhaan Marii Abbootii Seeraa Wajjiin Laangannoo Ijaa Risoortitti Gaggeeffamee Jira.
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Allachee Gaafa Guyyaa 27/01/2017ti Karooraa BIX Bara 2017 Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Allachee Irratti Hawaasa Mana Murtiihaa Wajjiin Mari'ateera. Waltajin Marii Haasawan Kan Saaqan Kabajamoo Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Allachee Kab. Obbo Muhammaad Kamaaltiin Yoo Ta’an, Karoorichi BIX Ogeessa Karoora Mana Murtichaa Obbo Abdulqaadir Abdallaatiin Waltajiif Dhiyaate Jira.Haaluma Kanaan,ergaa Karoorichi Dhiyaatee Booda Yaadni Adda Addaa Hirmaattoota Waltajjii Irraa Dhiyaatee Jira. Dabalatan Waltajii Marii Kana Irrattis Rakkoolee, Ciminaalee Fi Hanqinaalee Bara Darbee Mul'atan Irratti Mariin Bilchina Qabu Irratti Gaggeeffamee Jira. Dhuma Irrattis, Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Allachee Kab. Obb. Muhammaad Kamaal Hawasaani Mana Murtichaa Hundi Milkaa’ina Karoorichaaf Kutannoodhaan Irratti Hojjachuu Akka Qaban Dhaamuun Fi Kallattii Fuula Duraa Kennuun Goolabameera. Haqaaf Haqaan Haa Hojjannuu!!
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Kenniinsa Tajaajila Waliigalaa Irratti Hawaasa Mana Murtichaa Waliin Marii Gaggeesse.
(Ebla 28/2017,MMAKMH, ) Mannii Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Tti Haala Kenniinsa Tajaajila Waliigalaa Irratti Hawaasa Mana Murtichaa Waliin Mariin Bal'aan Gaggeeffamee Oolee Jira.
Marii Kanaaniis Karoora Akka Mana Murtiitti Qabame Milkeessuuf Ciminoota Hanga Ammaatti Jiran Itti Fufsiisuun Hanqinoota Mul'atan Irratti Hojjachuun Murteessaa Ta'uu Kaasuun Yeroo Itti Aanuu Keessatti Hanqinoota Hojiilee Keenya Keessatti Mul'atan Qindoominaan Irratti Hojjannee Sirreessuu Qabna Jechuun Irratti Waliigalanii Kallattii Fuula Duraa Kaayuun Marichii Goolabamee Jira.
#MMAKMH
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaatitittii Guyyaan Kabaja Farra Malaamaltummaa Kabajamaa Oolee