Thursday, September 10, 2026
๐๐๐'๐ข๐ข ๐๐๐๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐๐ซ๐๐ ๐๐๐ง๐ง๐๐๐ง ๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ก๐๐๐ฌ๐ก๐๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐ซ๐ฌ๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐๐๐ง ๐๐๐ซ๐ข๐ข ๐๐๐๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐๐ซ๐๐ ๐๐๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐๐ง๐ ๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐ฃ๐๐ ๐๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ซ๐ญ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ฆ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐.
Adoolessa 19, 2018
๐โ๐๐๐ โ๐๐๐๐๐๐๐
••••••••••••
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Marsaa 3ffaa sababeeffachuudhaan marii abbootii seeraa wajjiin Laangannoo Ijaa Risoortitti gaggeeffamee jira.
Marii kana irratti dhiyeessiin mata duree "Meeshaalee Sirna Kakuu Aadaa gara Mana Murtii Idileetti fiduun fayyadamuun bu'aa haqa baasuu keessatti qabuu fi Komii Naamusaa fi Hanqinnoota Xiinxala Sadarkeessa Naamusaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee" jedhu irratti xiinxalli gadi fagoo akka manneen murtii magaalaa shaashamanneetti gaggeeffamaa ture karaa Garee Naamusaa fi Inispeekshiinii MMO Magaalaa Shaashamanneetiin erga dhiyaatee booda hirmaattonni marii keessaa yaada kaasuudhaan mariin bal'aan irratti gaggeeffamee jira. Waggoottan darban waliin yoo ilaallamu dhimmoonni naamusaa fooyyee qabaachuu isaa dhiyeessii kanarraa hubatameera.
Pirezdaantiin MMO Magaalaa Shaashamannee Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Raawwii Ol'aanaa galmaa'eef Abbootii Seeraa ifatti galateeffatanii jiru.
Itti dabaluunis haqummaan kan mirkanaa'u naamusaa fi amanamummaa abbaa seeraa irraa kan eegalu ta'uu ibsanii naamusni abbootii seeraa caalaatti akka cimuu fi hawaasni murtii seeraa irratti amantaa guutuu akka qabaatuuf kallattiin qulqullina hojii fooyyessu kaa'uudhaan maricha goolabaniiru.