Thursday, September 10, 2026
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Leenjii Sirna IBEX Milka’inaan Xumure
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa dandeettii fi hubannoo hojjettoota isaa cimsurratti xiyyeeffachuudhaan, leenjii dhimma sirna IBEX (Integrated Budget and Expenditure) irratti hojjettoota hundaaf gaafa guyyaa 12/12/2018 irraa eegalee guyyootaa sadiif kennamaa ture milkaa'inaan xumureera.
Sirna IBEX: Kun sirna dijitaalaa adeemsa qophii baajataa, galii, fi baasii (faayinaasii) qaamolee mootummaa walitti fiduun haala ammayyaawaa, qulqullinaa fi iftoomina qabuun gaggeessuuf gargaaruudha.
Kaayyoo Leenjichaa: Sirna faayinaasii, bajataa fi bulchiinsa maallaqaa keenya caalaatti fooyyessuun, hanqinaalee hambisuuf, akkasumas tajaajila haqa saffisaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuuf gahee olaanaa qaba.
Kallattii Hojii Fuulduraa: Sirna leenjii kana xumuruun walqabatee, Preezidaantiin Mana Murtichaa Obbo Edaasoo Baamud xumura irratti haasawaa taasisaniin; leenjichi fudhatame gara hojiitti akka hiikamu kallattii kaa'aniiru. Dabalataanis, Mana Murtii keenya gara waraqaa maleessaatti (E-Court) jijjiiruuf hundi keenya waliin taanee cimee akka hojjennu dhaamsa dabarsaniiru.