Thursday, September 10, 2026
๐๐๐ฆ๐๐๐ ๐ ๐๐ฆ๐ง๐ข ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข ๐๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐ฎ๐ซ๐ฆ๐๐๐ง๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐ง๐ง๐๐๐ง ๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ก๐๐๐ฌ๐ก๐๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ฆ๐.
๐๐๐ฑ๐๐๐๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐, ๐๐๐๐ ๐๐ก๐๐๐ฌ๐ก๐๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐
•••••
Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 4ffaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqullina, si'aayina fi dhaqqabamummaa qabu mirkaneessuuf,akkasumas haqni hawaasa keessatti akka raawwatamu gochuuf bara hojii kana keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjataa ture gaggeesseera.
Gamaaggamni kurmaana 4ffaa (kan waggaa) kunis raawwii hojii jajjaboo fi hanqinoota mul'atan adda baasuun, fuulduraaf kallattii agarsiisuuf kan qophaa'edha.
Waltajjii gamaaggama raawwii hojii kana irratti Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Ol’aanaa, Koree Bulchiinsaa Mana Murtii Aanaa fi Abbootiin Gadaa kan hirmaatan yoo ta'u, Gabaasni Raawwii Hojii Pirezdaantota Aanaatiin akkasumas Gabaasni Raawwii Hojii MMO Magaalaa Shaashamannee immoo Karaa Dursaa Garee Karooraatiin dhiyaatee mariin bal'aan irratti gaggeeffameera.
Akka waliigalaatti, raawwiin hojii manneen murtii hundaa karoora olii fi sadarkaa baay'ee amansiisaa ta'een raawwatameera. Falmiiwwan fi dhimmootani adda addaa haala yeroo fi qulqullina qabuun xumuraniiru.
Itti Fayyadama Teeknoolojii Odeeffannoo fi Qunnamtii (TQO) ilaalchisee Sadarkaa manneen murtii hundatti itti fayyadamni teeknoolojii (TQO) baay'ee gaarii fi jajjabeessaa yoo ta'u ragaa ammayyeessuuf teeknoolojiitti haalaan fayyadamuun yeroo qusachuu fi tajaajila si'ataa kennuuf gumaacha guddaa godheera.
Raawwiin bara kanaa gabaasa bara darbee waliin yommuu madaalamu,baay'inni galmeewwan diigaman, qajeelfamaan gadi deebi'uu fi fooyya'u leenjii kennamaa tureen sadarkaa manneen murtii lamaanittuu fooyyee olaanaa irra jiraachuu isaa gamaaggama kanarraa hubatameera.
Xumura irratti Guduunfaa fi Kallattii Fuulduraa gabaasa raawwii hojii kurmaana 4ffaa kun karaa Pirezdaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Yuusuf Qaalluutiin kan dhiyaate yoo ta'u, milkaa'ina hanga ammatti argame kanaan qooda fudhattoota
raawwii kana milkeessan galateeffatanii milkaa'inna argame itti fufsiisuuf fi hanqinoota hojii irratti mul'atan maqsan kallattii kaayuudhaan waltajjicha goolabaniiru.
Odeeffannoo Dabalataaf
Website: www.schcourt.gov.et/court
Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0
Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005
Gmail: schc@gmail.com