Thursday, September 10, 2026
๏ฟฝ๐๐๐๐๐ ๐ด๐๐๐๐๐ ๐ด๐๐๐๐๐๐๐ ๐บ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ธ๐๐๐๐๐๐๐ ๐ฏ๐๐๐๐๐ ๐พ๐๐๐๐๐๐ ๐ด๐๐๐๐ ๐ฎ๐๐๐๐๐๐๐๐.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
๐บ๐๐ ๐๐๐๐ 27, 2018
๐บ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐Hooggantoonni Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee kenna tajaajila haqaa fi rakkoolee hojii keessatti mul'atan haala foyyeessuun danda'amurratti qaamolee Hirtaa(Waajjira Abbaa Alangaa fi Waajjira Poolisii) sadarkaa Kutaa Magaalaa fi Rijiyoo wajjiin marii gaggeesse jira.
Qindoominna qaamolee haqaa wajjiin marii gaggeeffame kanarratti Pirezdaantonni Manneen Murtii Kutaa Magaalaa, Pirezdaantii MMO Magaalaa Shaashamaannee, Hoogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa fi Hogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Rijiyoo akkasumas Qorattoota Yakkaa Rijiyoo fi Kutaa Magaalaa kan hirmaachise yoo ta'u; sirni haqaa akka dagaaguu fi nageenyi waaraan akka jiraatuu fi hawaasni amantaa tajaajila kennamu irraa qabaatan walhubachaa deemuun harcaatiiwwan uumamaniif fala kennuun tajaajilaa haqa qabeessa hawaasaaf kennuu akka qaban himaniru.
Xumura irratti hanqinoota kenniinsa tajaajila sirna haqaan walqabatee jiru irratti mariin erga gaggeeffameen booda hojiilee sirna haqaa irratti qindoominaan hojjachuun hanqinoota mul'atan maqsuuf hojjachu akka qaban kallattiin fuula duraa kaayamuun marichi goolabameera.
Website: www.schcourt.gov.et/court
Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0
Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005
Gmail: schc@gmail.com