Thursday, September 10, 2026
๐๐๐ฃ๐ฃ๐ ๐๐ช๐ง๐ฉ๐๐ ๐๐ก'๐๐๐ฃ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ก๐ ๐๐๐๐๐จ๐๐๐ข๐๐ฃ๐ฃ๐๐ G๐ช๐ฎ๐ฎ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐ง๐ง๐ ๐๐๐ก๐๐๐ข๐ข๐๐ก๐ฉ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐๐ง๐๐ ๐๐๐๐ฃ๐๐ก๐๐๐ฉ๐๐๐ฃ ๐๐๐๐๐๐๐จ๐จ๐.
Sadaasa 23/03/2018
ShaashamanneeManni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee dhaadannoo "Dhaloota Safuun Ijaaruun Kenna Tajaajilaa Hoji-maataan " jedhuun kabaje.
Sagantaan kunis akka addunyaatti yeroo 22ffaa, akka biyyaatti yeroo 21ffaa fi akka naannoo Oromiyaatti yeroo 20ffaaf kan kabajamu yommuu tahu akka Manneen Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannetti marsaa 2ffaaf kabajamee jira.
Pirezdaantiin mana murtii ol'aanaa magaalaa Shaashamannee obbo Yuusuf Qaalluu haasawa baniinsaa tasisaniin akka jedhanitti qabsoo malaamaltummaa irratti taasifamu dhabamsiisuuf guyyaa farra malaammaltummaa sababeefachaa manneen hojii keenya keessatti kenna tajaajila ariifataa, haqa qabeessa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabun kennuun amantaa ummataa cimsuuf ta'uu ibsan.
Barreefamnii ka'uumsa marii paanaaliif ta'u gama dursaa garee naamusaa fi inispeekshiinii Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaashamannee Adde Meetii Taaddalaatiim dhiyaatee Dhaloota safuu fi naamusa gaarii qabu horachuuf, miidhaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa hubachuun qabsoo farra malaammaltummaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatuu fi hawaasa malaammaltummaa balaalleffatuu fi jibbu uumuuf akka ta'e kaasuudhaan mariin bal'inaan irratti gaggeeffamee booda goolabameera.
Website: www.schcourt.gov.et/court
Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0
Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005
Gmail: schc@gmail.com