Thursday, June 25, 2026
Fulbaana 2, 2017 Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Sirna wal-harkaa fuudhiinsa karooraa manneen murtii aanaa kutaa magaalaa wajjiin taasisee jira. Sirna marii fi wal-harkaa fuudhiinsa kanarratti Bakka Bu'ootni Ummataa fi Miseensa Caffee, Koree Bulchiinsa Mana Murtii Ol'aanaa, Pirezdaantota Aanaalee fi B/B KTAS kan hirmaatanii jiru. Marii taasifame irrattis jijjiiramni rifoormii manneen murtii magaalaa keessatti dalagame kan ummatatti abdii horuu fi abdachiisaa akka ta'e Bakka Buutotni Ummataa fi Miseensi Caffee kaasanii jiru. Pirezdanantii MMO Magaalaa Shaashamannee kan ta'an kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu ragaa sobaa balleessuuf, dantaa mootummaa eegsisuuf akkasumas amanamummaa ummataa horaachuuf aantummaa dhaan hojjachuu qabna jechuudhaan dhaamanii kallattii gara fuulduraa kaayuunis mariin goolabamee jira.