แดแดสŸแดแด€แด€ แด…สœแด€แด…แด…แด€แด„สœแด€แด€

user 15-Mar-2025 MMAKM B/Gurraachaa

แดแดสŸแดแด€แด€ แด…สœแด€แด…แด…แด€แด„สœแด€แด€
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Himatamtootni 3[sadii] S/Y kew.32[1 A] fi 669[3_b] bira darbuun  N3 waliin ta'uun Himatamtootni 1ffaa fi 2ffaan re'ee tumaalessa til.qr.14000 baasu qabeenyummaan isaa kan miidhamaa dhuunfaa Badhaasoo Bulloo jedhamu jalaa gaafa 26_6_17 halkan sa'aatii 7:00 Aanaa Siraaroo Ganda Saroo mi'ooftuu jedhamuu  mooraa miidhamaa keessaa fudhachuun motora Himatamaa 3ffaatti fe'anii kutaa magaalaa Bishaan gurraachaa gabaa hiika loonii geessuun osoo gurguruuf jedhan gaafa 27_6_17 harkaa fi harkatti qabaman jedhamanii himataman.
Himatamtootni  1ffaa fi 2ffaan bu'uuruma Himannaa A/Alangaatiin waan amananiif MM murtii dhaddacha gaafa 5-7-2017 ooleen balleessummaa kennee yaada adabbii bitaa fi mirgaa eega dhagahee booda tokkoon tokkoo Himatamtootaa hidhaa cimaa waggaa 4 fi ji'a 5'n adabeera.Himatamaan 3ffaan waan waakkateef ragaan A/Alangaa waan Isa irratti mirkanesseef of irraa ittisi jedhamee of irraa ittisuu waan hin dandeenyeef MM  dhaddacha gaafa 5_7_2017 ooleen murtii balleessummaa eega kennee booda hidhaa cimaa waggaa 5[shaniitiin] adabeera.

Related Post

Popular post