Leenjii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee

user 23-Jan-2026 MMO Magaalaa Shaashamannee

๐Œ๐š๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐Ž๐ฅ'๐š๐š๐ง๐š๐š ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐’๐ก๐š๐š๐ฌ๐ก๐š๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž ๐‹๐ž๐ž๐ง๐ฃ๐ข๐ข ๐€๐›๐›๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š  ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐š๐Ÿ ๐ ๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ž ๐ ๐จ๐จ๐ฅ๐š๐›๐ž๐ž๐ซ๐š.   ---——-----—----------
๐€๐ฆ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐Ÿ๐Ÿ’, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ– ๐’๐ก๐š๐š๐ฌ๐ก๐š๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž. ---------------------------
Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee Leenjii abbootii seeraa kana irratti seera haaraa, seera duraan jiru fi bu’uura seera qabeenya hawaasaa irratti xiyyeeffachuun, dandeettii isaanii cimsuuf kan  gargaaru  yoo ta'u seerota haaraa fi fooyya'iinsi irratti taasifame akka  sirriitti hubatanii fi raawwachuuf fedhii fi dandeettii isaanii cimsuuf gargaarudha

Leenjii dandeettii raawwachiisummaa keessatti abbootii seeraa karoora hojii isaanii qindoomsuuf, sirna raawwachisummaa fi qo’annoo seeraa irratti xiyyeeffachuun, dandeettii isaanii cimsuuf gargaara. Kuni abbootii seeraa akka hojii isaanii irratti milkaa’ina argatan gargaara.

Itti fufinsaan, leenjii fi dandeettii cimsuu irratti xiyyeeffachuun, abbootii seeraa milkaa'ina isaanii mirkaneessuuf gumaacha guddaa kan qabuudha.
Qajeelfama Adabbii walqabatee jijjiiramoota ijoo qajeelfamoota haarayaa irratti xiyyeeffatee, qabiyyee dhimmoota wal falmisiisoo irratti ijjannoo walfakkaataa uumuu, Yakkoota sadarkaan isaanii baheef hubachiisuuf fi Qabiyyee qajeelfama adabbii lakk..2/2006 irratti jijjiiramoota bu'uuraa ijoo irratti hubachiisuudhaan Murtii adabbii irratti dhimmoota walfalmisiisoo irratti hubannoo walfakkaataa uumuuf kan gargaaruudha.

Gama birootiin Dhimmoota dantaa mootummaa fi ummataa ilaalchisee,  faayidaa ummatatiif qabiyyee gadi lakkifamu ilaalchisee haala murtiin beenyaa itti kennamu, qaama murtii beenyaa kennuuf aangoo qabuu fi 
qaamoleen dhimmamtoota ta'uu qaban(Bulchiinsi Aanaa fi Magaalaa) akkasumas Labsii 1336/2017  fooyya'iinsa bu'uuraa taasifame irratti xiyyeeffannoo uumuuf leenjii kennamaa ture irraa hubatamuun danda'ameera.

Related Post

Popular post