Ooolmaa dhaddachaa

user 27-May-2025 MMAKM B/Gurraachaa

Guyyaa 19/09/2017
                                            Oolmaa Dhaddachaa
Himatamtoonni lamaan maqaan isaanii Mallasee Shaaphaa fi Haarun Suruu jedhaman yakka daldala seeraan alaatiin galmee garagaraatiin Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti kan himataman yoo ta’u, haaluma kanaan Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa himannaa yakkaa himatamtoota lameen irratti galmee garagaraatiin bu’uuresseen himatamaan Mallasee Shaaphaa jedhamu Hayyama Daldalaa Naannoo Sidaamaa qabatee iddoo hojii daldalaa itti gaggeessaa jiru Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa osoo hin beeksisin hojii daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa keessatti hojjachaa ture jechuu dhaan Bu’uura Labsii Galmeessa Daldalaa fi Kenniinsa Hayyama Daldalaa Lakk. 980/2008 Keewwata 26(7) fi 49(8)tiin kan himate yoo ta’u, himatamaan Haarun Suruu jedhamu immoo gatii meeshaalee iddoo ifaa ta’etti osoo hin maxxansin hojii daldalaa hojjachaa ture jechuu dhaan Bu’uura Labsii Shammaatotaa Federaalaa Lakk. 813/2005 Keewwata 15(1) fi 43(6)tiin himateera.
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaas dhimmicha ilaalee falmisiisuu dhaan jecha himatamtootaa kan dhagahe yoo ta’u, himatamtoonni lamaanuu galmeelee irratti himataman lamaanuu irratti akkaatuma himannaa yakkaa isaan irratti bu’uuree jiruutiin kan amanan waan ta’eef balleessaa jechuu dhaan adabbii isaanii fi fakkaattota isaanii barsiisuu danda’u:- 1ffaa himatamaa Mallasee Shaaphaa jedhamu adabbii hidhaa salphaa baatii 10 fi adabbii maallaqaa qarshii 17,000(kuma kudha torbaatiin) akka adabamuu fi 2ffaa himatamaa Haarun Suruu jedhamu immoo adabbii hidhaa salphaa baatii lamaa fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000(kuma kudhaniitiin) akka adabamu dhaddacha guyyaa 19/09/2017 ooleen murtii dabarseera.
Nutis daldalli seeraan alaa alseerummaa kan babaldhisuu fi galii mootummaa gadi buusuu dhaan diinagdee biyyaa irratti dhiibbaa hamaa kan geessu waan ta’eef hawaasni keenya gochaa alseerummaa akkanaa irraa akka of qusatuu fi kan hojii daldalaa irratti bobba’us ulaagaa seeraan kaayame guuttatee akka hojjatu cimsinee dhamsa dabarsina.

Related Post

Popular post