Marii gaafa Guyyaa 12/6/2017 Akka MMAKMBG Taasifamee.

user 20-Feb-2025 MMAKM B/Gurraachaa

Guyyaa 12/06/2017
Manni Murtii Keenya guyyaa har’aa ajandaa garagaraa irratti marii walii galaa hawaasa mana murtichaa waliin kan taasise yoo ta’u, bu’uuruma kanaan: hojiilee karoorfanne qixa karoorfanneen hojjachaa jiraachuu keenya, naamusaa fi icciitii hojii eeguu fi akkasumas sa’aatii hojii mootummaa kabajuu dhaan walqabatee harcaatiiwwan muraasni jiran akka sirraayanii fi akka walii galaatti immoo hawaasni mana murtii keenyaa kenna tajaajilaa irratti fooyyee guddaa agarsiisaa kan jiruu fi miirri tajaajiltummaa gaariin kan jiru waan ta’eef harcaatiiwwan muraasa jiran sirreeffachuu dhaan cimina jiru qabatee akka itti fufu kallattiin kaayamuu dhaan mariin goolabameera. 
Hawaasni mana murtii keenyaa ciminuma amma agarsiisaa jirtan kana caalaa daran jabaattanii bu’aa gaarii akka galmeessitan abdii qabna.

Related Post