Marii Duub Deebii

user 07-Mar-2026 MMO Magaalaa Shaashamannee

๐Œ๐š๐ซ๐ข๐ข ๐ƒ๐ฎ๐ฎ๐›-๐ƒ๐ž๐ž๐›๐ข๐ข ๐†๐š๐›๐š๐š๐ฌ๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข ๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐Š๐ฎ๐ซ๐ฆ๐š๐š๐ง๐š ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐’๐ก๐š๐š๐ฌ๐ก๐š๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž
          •••••
Gurraandhala 10,2018 Shaashamannee
          •••••

Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee  duub-deebii  gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa MMWOtiin kenname irratti    Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol’aanaa fi Manneen Murtii Aanaa irraa Pirezdaantotaa fi KTAS  hirmaachisuun marii gaggeessee jira. 

 Duub-deebiin MMWOtiin  kenname  karaa barreeffamaatiin  Dursaa Garee Karooraa MMO Magalaalaa Shaashamannee kan ta'an Obbo Karoorsaa Sherkamaatiin erga dhiyaate booda  akkaataa karoora qabame milkeessuun danda'amu madaaluudhaan mariin gaggeeffamee jira.

Xumura irratti Pirezidaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu gamaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa  gaggeeffame irratti  duub-deebiin gama MMWOtiin kennamee ture  hanqinoota ijoo maqsuu fi ciminnoota turan itti fuufsisuun qulqullinaa fi Si’oomina tajaajila abbaa seerummaa caalmatti fooyyessuuf hanqinoota kurmaana darban keessatti mul'atan irratti hojjachuun barbaachisa dha jechuun ergaa dabarsanii maricha goolabaniiru.
 
      Odeeffannoo dabalataaf:
Website: www.schcourt.gov.et/court

Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0

Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005

Gmail: schc@gmail.com

Related Post

Popular post