Thursday, June 25, 2026
Guyyaa 14/06/2017
Marii Koree JBAH Waliin Taasifame
Manni Murtii Keenya guyyaa har’aa dhimmoota kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa akka Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti kennamaa jiran keessattuu dhimmoota yakkaatiin walqabatee Koree JBAH waliin iddoo hooggantoonni Waajjiraa fi Abbootiin Adeemsaa hundi jiranitti marii bal’aa taasiseera.
Haaluma kanaanis marii taasifameen haalli kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa nuti kennaa jirru si’ataa fi fooyyee kan qabu, akkasumas walhubannoon qaamolee haqaa kana jidduu jiru gaarii fi haaluma amma jiru kanaan cimee itti fufuu kan qabu ta’uu hirmaattonni kaasaniiru. Keessattuu dhimmootni yakkaa duraan lafarra harkifachaa turan yeroo ammaa ariitii dhaan furmaata argachaa kan jiran akka ta’ee fi komiin gama kanaan jiru kan furame ta’uus ibsaniiru. Murtiileen yakkaa kennamaa jiranis madaalawaa fi barsiisoo akka ta’anis kaasaniiru.
Ciminnootni jiran haaluma amma jiruun akka itti fufanii fi harcaatiiwwan muraasni:- Ajaja mana murtii raawwatanii yeroon gabaasa kennuu dhabuu, himata abbaa alangaa ragaa waliin qindeessanii bakka tokkotti dhiyeessuu dhabuu, sababa abukaatoon naaf hin dhiyaanne jedhuun beellamni irra deddeebii dhaan jijjiiramuu dhaan himatamaan wabii dhaan bahee miliquu fi kkf xiyyeeffannoon itti kennamee dhimmootni yeroo dhaan furmaata akka argatan kallattiin kaayamuu dhaan mariin goolabameera.