Thursday, June 25, 2026
๐oreen To'annoo, Hordoffii fi Deeggarsaa MMO Magaalaa Shaashamannee Daawwii gaggeesse.
~••••••โโโ•••••~๐adaasa 03, 2018 Shaashamannee
Koreen To'annoo, Hordoffii fi Deeggarsaa Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaashamannee daawwannaa hojii Manneen Murtii Aanaalee Kutaa Magaalaa Shaashamannee daawwanna hojii guyyoota lamaaf gaggeessee raawwate jira.
Daawwiin kun, Mana murtii Aanaatti argamuun kan gaggeeffame yoo tahu, Raawwii Hojii Manneen Murtii yeroo ammaa sadarkaa irra jiru fi haala tajaajilli Itti kennamaa ilaaluun qoratanii jiru.
Koreen hojii hojjatame erga daawwateen booda, Koree Bulchiinsaa fi hawaasa Manneen Murtii waliin marii bal’aa taasiiseera. Marii taasiifameenis, Ciminoota hojii daawwatame keessatti mul’atuu fi milkaa’ina jiru jajjabeessuun itti fufsiisuun akka qaban ibsani, hanqinoota mul’atan irratti immoo yeroo itti aanu keessatti sirreessuun irratti hojjatamu akka qabu ibsuun kallatti hojii fuula duraa irratti duub-deebii kennameefi jira.
Gama biraatin, koreen kun Manneen Murtii Ogummaa qabiinsaa fi sirna keessummeessaa, tajaajila e-faayilingii kennuun hojiiwwan hojjataman, Si'oomina fi bu'a qabeessummaa tajaajila Abbaa Seerummaa fooyya'aa kennamaa jiraachuu, Qisaasama mallaqa imaanaa hambisuun walqabatee hojiiwwan hojjatame, Moosaajota hojii irra jiran babal'isuu fi hojiiwwan dandeettii itti fayyadama TQO cimsan deeggaruun walqabatee hojii hojjatamaa jiran ilaalamanii jiru.
Dhuma irratti, Koreen kun qaamota atoominaan waliin hojjatan dubbisuudhaan daawwanna hojii guyyoota lamaaf geggeessaa turee milkaa’inaan goolabee jira.
Website: www.schcourt.gov.et/courtTelegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0
Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005
Gmail: schc@gmail.com