Thursday, June 25, 2026
=============================
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa
=============================
Himatamaan maqaan isaa Zerhuun Moottaa Leenjamoo jedhamu gaafa guyyaa 26/07/2017 galgaala keessaa Sa'aatii 1:30 yammuu ta'u, asuma Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Aanaa iddoo Leencaa iddoo addaa Hospitaala Woliigala Kuyyaaraa jedhamu biratti boba'aa gosa "Beenzilaa"jedhamu waraaqa ragaa /haayyama/ dhimma kanaaf sabaaba ta'e osoo hin qabatin kallaatti magaalaa Finfinnee irraa gara Magaalaa Shashaamanneeitti Konkolaataa "koroolaa"Lakk.Gabatee 2-43677 AA ta'ettti fe'ee osoo geejjabsiisaa jiru waan woliin qabameef Yakka Labsii sirna daldaala gabaa bu'aa boba'aa to'achuuf Mootummaa Fedaralatiin bahe Lakk. 1363/2017 keewwata 25(5) bira darbuun M/murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaatitti yakkan himannaan itti dhiyaate falmiin erga gaggeeffamaa turee dhaddacha gaafa 13/09/2017 oleen himatamaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji'a 7 fi adabbii mallaaqaa qarshii kuma dhibba sadii fi kuma soddomii sadii(333,000) tiin adabbiin itti keennamee qabeenya bu'aa yakkatiin argame/ciraan/gurguramee Mootummmaf galii akka ta'u ta'u ajajini keennamee jira.