Thursday, June 25, 2026
๐๐๐๐๐๐ฌ๐ ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข ๐๐จ๐ฃ๐ข๐ข
***
Gabaasni raawwii hojii baatii saglanii (9) Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee, qulqullina tajaajila abbaa seerummaa fi gahumsa murtii kennuu irratti xiyyeeffachuun cuunfaan isaa dhiyaateera.
Gabaasni kun dhimmoota ijoo akka Kuufama Galmeewwan duraan turanii fi Galmeewwan bara darbe irraa as ce'an ariitiin xumura akka argatan taasifamuu isaanii gabaasicha irraa hubatameera.
Galmeewwan Haaraa Baatiiwwan saglan kana keessatti galmeewwan yakkaa, sivilii fi maatii hedduun gara mana murtichaatti dhiyaataniiru. Dabaluu Dandeettii qulqulleessuu dhimmootaa (Clearance Rate) dhibbeentaa guddaan galmeeffameera. Kunis yeroo beellamaa gabaabsuu fi tajaajila ariitiin kennuun walqabata.
Galmeewwan sababa garaa garaatiin beellama irra jiran dhibbeentaa xiqqaatti akka gadi bu’an hojjetameera. Murtiiwwan kennaman haqaan, loogii malee fi haala seerawaa ta'een akka raawwataman irratti xiyyeeffatamuun hojjatamaa tureera.
Baay'inni murtiiwwan mana murtii ol-aanaatiin fooyya'an ykn diigaman gadi bu'aa ta'uun isaa qulqullina murtii manneen murtii magaalaa keessatti kennamu akka agarsiiftutti fudhatameera.
Murtiiwwan kennaman ariitiin akka raawwatamaniif qaama dhimmi ilaallatu (poolisii fi raawwachiiftota) waliin qindoominni uumamee hojjatamaa turuu isaa gabaasicha irraa hubatameera.
Tekinolojiiwwan manneen murtii fayyadamaa jiran Galmeewwan ammayyeessuu fi ragaa haala salphaan argachuuf moosajiiwan akka CCMS, VK, E-Faayilingii, websaayitii, CCTV, QMS, DMS fi kanneen biroo cimee itti fufeera.
Naamusni abbootii seeraa fi hojjettoota bulchiinsaa dhimma xiyyeeffannoo argate yoo ta'u, abbaan dhimmaa tajaajila haqa qabeessa akka argatuuf hojiin hojjatamaa jiru cimaa ta'uun hubatameera.Walumaagalatti, Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee baatii saglan darban keessatti Dandeettii galmee daangaa JBAH kaa'ame keessatti xumuruudhaan tajaajila haqaaf dhihoo ta'e kennuun amantaa uummataa dabaluuf hojiin hojjatamaa tureera.