Thursday, June 25, 2026
Amajjii 7, 2016
Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee gamaaggama kurmaana 2ffaa gaggeesse.โ Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee manneen murtii aanaa kutaa magaalaa wajjiin gamaaggamaa fi raawwii hojii kurmaana 2ffaa baatiiwwan jahan darbaniif hojjataman irratti gamaaggama gaggeesse.
Gabaasni Manneen Murtii Aanaalee Kutaa Magaalaa Afranii Pirezdaantota Aanaatiin Kan dhiyaate yommuu ta'u, Hojiiwwan gurguddoon hojjatamaa Kan turanii fi ciminnootni argaman akka itti fuufaniifi hanqinoonni immoo akka maqfaman gadi fageenyaan irratti hojjatamuu akka qaban qooda fudhattoonni waltajjichaa kaasanii jiru. Waltajjicha irrattis yaadni ijaarsaa fi gaaffiiwwan Kan dhiyaatan yoo tahu, gaaffiiwwan dhiyaataniif hoggantoonni deebii laatanii jiru. Waltajjicha irrattis mariiwwan ijoon:
โ Qulqullina hojii KTAS
โ Gaarummaa Bulchiinsa Keessoo
โ Naamusa Hojjattootaa
โ Itti Fayyadama Tekinolojii (TQO)
โ Mana Murtii Aadaa fi kkf irratti mariin bal'aan erga gaggeeffamee booda kallattiin gara fuulduras pirezdaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu tiin kaa'amee xumurameera.