Thursday, June 25, 2026
✓✓✓✓✓✓✓πππ✓✓✓✓✓✓✓
Abbootiin Gadaa manneen murtii aadaa keessatti tajaajila murtii aadaa kennan mindaa tokko malee quuqamaan hawaasa isaanii tajaajilaa jiraachuu ibsuun, qaamoonni manneen Murtii Aadaa cimsuu keessatti qooda qaban deeggarsa barbaachisaa taasisuun Abbootiin Gadaa fi Haadholee Siinqee aadaa fi duudhaa ummata Oromoo utubaa jiran tumsuu akka qaban hirmaattoonni marichaa gaafatanii jiruAkasumaas Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Aaddee Giiftii Bundhaa irratti Argamanii gamaaggama raawwii hojii Mana Murtii Aadaa Kutaa Magaalaa Haruufàa ji'oota (3) sadii gaggeeffamaa ture irratti hanqinoota gamaaggaman adda ba'anii irratti xiyyeeffachuun kan hojjataniifi harcaatii jiru adda baasuun ciminoota itti fufsiisuun hanqinoota mul'atan furuuf gara fulduraatti ciminaan kan hojjatan ta'uu ibsanii jiru.
Pirezedaantiin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Haruufaa Kab.Ad. Muniraa A/Qaadir Kaayyoon Guddaan manneen murtii Aadaa Murtiin Haqaa Abbaa Haqaatiif duudhaa sabni kun qabuu tiksuun tajaajilli haqaa akka kennamuuf ta'uu himanii jiru.
Mana mUrtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa (MMAKMH)