kabaja guyyaa Ayyaana Farra malaalamtummaa

user 02-Dec-2025 MMAKM Malkaa Sirbaa

Dhaloota Safuun Ijaaruun, kenna Tajaajilaa Hojimaataan Yaa Mirkaneessinu Dhaadannoo Jedhuun; Guyyaa Farra Malaammaltummaa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaatti gaafa guyyaa 22/3/2018 kabajamee Oolee Jira.

****"" ""***

Marichi Hawaasa mana murtii hunda, Miseensa Qajeelcha poolisii fi Miseensa Mana Hojii Abbaa Alangaa kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa kan hirmaachise yoo ta'u.

Maalummaa Dhaloota Safuun guddate horachuu fi Haala itti Malaammaltummaa maksuun danda'amu irratti adeemsifame.

**"" "***

Dhiyeessii " Power point" karaa Pirezedaantii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa obbo Tolasaa Girmaan dhiyaate irraa kan fudhatame.

**" Malaammaltummaan dhukkuba hamaa kenna tajaajilaa irratti fiduudha.

Dhukkubni akkuma lubbuu namaa fi lubbuu qabeeyyii biroo miidhu, malaammaltummaanis kenna tajaajilaa irratti danqaa hamaa uumuun, hawaasni tajaajilaa qulqulluu, haqaa, dhaqqabamaa, si'ataa, amansiisaa ta'e akka hin arganne taasisuun; gufuu gama kenna haqaa keessatti, dinaagdee keessatti, misooma keessatti, sirna dimokiraasii irratti fiduudha.

Ka'umsi Malaammaltummaa immoo cabinsa sirna Safuu , aadaa, dhugaa hawaasa bal'aa irraa kan maddu ta'ee, hooggansa, hojjetaa fi Ogeessa safuu hin qabne , naamusa gaarii fi amala gaariin hin guddanneen kan raawwatamuudha.

Kanaaf, Dhaloota Safuun guddate horachuun , kenna tajaajilaa hojimaataan kennuu mirkaneessuun barbaachisaadha.

Duudhaa hawaasa duubatti deebi'anii hubatanii hojii irra oolchuun dirqama.

Kanaaf , Dhaloota Safuun guddate yoo jiraate, kenna tajaajila hojimaata diriire qofaan yoo kenname ; Malaammaltummaa hir'isuun akka danda'amu marii guyyaa har'aa irraa hubatamee Jira.

Yaada fi gaaffii gama kanaan ka'es ilaalamee deebiin itti kennamee walhubannaan uumamee.

Haaluma kanaan erga mariin xummuramee hawaasa mana murtiitiif sagantaan affeerrii godhamuun mariin goolabamee jira.

Related Post

Popular post