Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2017

user 11-Feb-2025 MMO Magaalaa Shaashamannee

Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa  bara 2017 manneen murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee gaggeessee jira.

Fulbaana 30,2017 Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa  bara 2017 manneen murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee taasise.
 Gamaaggamicha irratti pirezdaantotni Manneen Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee gabaasicha dhiyeessan irratti hojiiwwan ijoo ji'oota sadan darbaniif hojjataa turan wal duraa duubaan dhiyeessuu dhaan yaadotni karaa hirmaattota waltajjichaatii fi Koree Bulchiinsa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamanneetiin kaafamanii mariin bal'aan taasifamee jira. Keessumattuu hojiin  manneen murtii aadaa hundaa'ee ture iddoom argamee gara hojitti seenuun hojiin bal'aan hojjatamaa kan jiruu ta'ee hanga xumura argatutti xiyyeeffannoon ol'aanaan kennameefii hordoffii cimaan godhamu kaasanii jiru. Gabaasicha dhiyaate irrattis ciminnii fi hanqinni jiru adda baheen mariin bal'aan irratti godhameera. Karaa biraatiin Dhaqqabummaa mirkaneessuuf teknolojii jirutti fayyadamuun abbaan dhimmaa bakkuma jirutti tajaajila akka argatuu fi imala tajaajila gara waraqa maleessatti ce'uuf jiru milkeessuuf hooggantoonni fi hawaasni manneen murtii kutannoo cimaadhaan akka hojjatan Prezd. MMO Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu ergaa dabarsaniiru.

Related Post