Thursday, June 25, 2026
Waxabajjii 22, 2016 Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee raawwii hojii waggaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Gaggeessaa Ooleera.
¤ Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee hundeeffama irraa kaasee hojiiwwan gurguddoo raawwatama, milkaayinoota gonfataman akkasumas hanqinaalee mul'atan irratti gabaasichi bal'inaan karaa hooggantoota manneen murtii magaalaa shaashamanneetiin dhiyaatanii jiru.
¤ Gamaaggamni erga dhiyaateen booda yaadolee fi gaaffileen ijaarsaaf ta'an karaa hirmaattota waltajjichaatiin bal'inaan erga kaafamanii booda deebiin quubsaan karaa hooggantoota gabaasa dhiyeessaniin kennamee jira.
¤ Gamaagamichaa irraa hubatamuun kan danda'ame gama manneen murtii hundaanuu milkaayinnii fi raawwiin argame daran quubsaa kan ta'ee dha.
¤ Xumura irratti haala hojii waliigalaa bara kana ilaalchisee duub deebii kan kennan pirezdaantii MMO Magaalaa Shaashamannee kan ta'an Kab. Obbo Yuusuf Qaalluu hundeeffama manneenii irraa kaasee hanga ammatti milkaayinna manichaatiif qooda fudhattootaa fi hirmaattota waltajjichaa hunda ifatti erga galateeffatanii booda, gara fuuldurattis qulqullina KTAS haala dhaqqabamuu fi si'oominna qindaa'aa ta'een milkaa'uu akka dandaa'uuf harcaatiiwwan xixiqqoo bara kana mul'atan maqsuu akka qabamu eeruun kallattii fuulduraa kaayuun waltajjicha goolabaniiru.#Komunikeshinii MMO Magaalaa Shaashamannee.