Thursday, June 25, 2026
Fulbaana 19,1,2016 WKBMSH Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Banamiinsi Manneen Murtii Ol'aanaa Aanaa kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaafi Aana kutaa Magaalaa Allacheeti gaggeefame.
Sagantaa kana irratti argamuun Haasawa Baniinsaa kan taasisan Itti aanaa pirezdaantii Mana murtii Waliigala Oromiyaa obbo Badrii Tamaam Umar, Tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaafi qulqulluu taasisuuf riifoormiiwwan manneen murtii Naannicha keessatti argaman hunda keessatti hojii irra oolchuuf hojjatamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanee Takilagoorgiis Jaldoo, Sagantaa Baniinsa Manneen Murtii kana irratti Haasawa taasisaniin akka jedhanitti Mootumaan hojiilee yeroo ammaa xiyyeefannaa itti kenne hojjata jiru keessa tokko Mana murtii irratti yoo ta'u Magaalaan Shaashamannee akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Magaalota gurgguddoo jiran keessaa tokko kan taate, Banaminsa Manneen Murtii kutaa Magaalaa kanaan Hawaasni keenya dhiyeenyatti tajaajila seeraa akka argatuuf shoora olaanaa qabaachu ibsanii jiru.Olaantummaan seeraa kabajamee hawaasni haqa barbaadu akka argatuuf hunduu tumsuu akka qabu obbo Adaaneen imaanaa jedhaniiru.
Pirezdaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee obbo Yuusuuf Qaallu akka jedhanitti,Naamusni ogummaa abbaa seerummaa akka kabajamu hojiin naamusa dagaagsuu kan hojjatamu ta'uufi bakka rakkoon mul'atetti hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu xiyyeeffannoo addaan kan hojjatamu ta'uu ibsanii hawaasnidHanqinna Muldhatu waliin Mari'achuun jijjiirama fiduuf abbummaan Nufaana hiriirun fala waaraa kaayuu keessatti qooda fudhachuu qaba jedhaniiru.