Marii Woliigalaa Kenna Tajaajilaa

user 18-Mar-2025 MMAKM Malkaa Sirbaa

Guyyaa 5/5/2017

#####***####

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa ,Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee , Hawaasa Mana Murtii Keenyaa waliin Dub deebii Gabaasa Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa irratti karaa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee nuuf kenname irratti gadi fageenyaan mari'annee jirra.

Marii kanaanis

1ffaa, dhimma Qulqullina Hojii KTAS irratti muul'ate,

2ffaa Hanqina Ol'iyyannoo keessatti ka'u

3ffaa, Hojiilee TQO ilaallata,VK, QMD, Daataa Beesii,DMS, E filing, waraabbii sagalee oolmaa dhaddachaa

4ffaa Karoora hojii gara guyyaa,ji'aa, fi kurmaanatti gadi buusuun raawwachuu

fi gabaasa isaas jimaata yeroo hunda qaama dhimmi ilaalu akka dhaqqabu

5ffaa Dhimma Naamusa hojii, sa'aatii hojii kabajuu,Bifa tasgabbii qabuun nama keessummeessuu, abbaa dhimmaa ifachuu waliin walqabatee wantoota ka'an irratti mari'atamee jira.

6ffaa Ragaa raawwii hojii oolmaa unkaa ragaan irratti qophaa'ee guutamu qopheessuu akka itti hojjetamu mari'atamee jira.

Walumaagalatti Hojii kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa karaa milkeessuu danda'uu fi hanqinaalee dub deebii irraa kenname tokko tokkoon ka'anii irratti mari'atamee hanqinni amma ka'e kurmaana 3ffaa keessatti akka furamuu qabuun irratti waliigalamee jira.

+4

Related Post