all

Guyyaa 19/09/2017
                                            Oolmaa Dhaddachaa
Himatamtoonni Lamaan Maqaan Isaanii Mallasee Shaaphaa Fi Haarun Suruu Jedhaman Yakka Daldala Seeraan Alaatiin Galmee Garagaraatiin Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti Kan Himataman Yoo Ta’u, Haaluma Kanaan Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Himannaa Yakkaa Himatamtoota Lameen Irratti Galmee Garagaraatiin Bu’uuresseen Himatamaan Mallasee Shaaphaa Jedhamu Hayyama Daldalaa Naannoo Sidaamaa Qabatee Iddoo Hojii Daldalaa Itti Gaggeessaa Jiru Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Osoo Hin Beeksisin Hojii Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Keessatti Hojjachaa Ture Jechuu Dhaan Bu’uura Labsii Galmeessa Daldalaa Fi Kenniinsa Hayyama Daldalaa Lakk. 980/2008 Keewwata 26(7) Fi 49(8)tiin Kan Himate Yoo Ta’u, Himatamaan Haarun Suruu Jedhamu Immoo Gatii Meeshaalee Iddoo Ifaa Ta’etti Osoo Hin Maxxansin Hojii Daldalaa Hojjachaa Ture Jechuu Dhaan Bu’uura Labsii Shammaatotaa Federaalaa Lakk. 813/2005 Keewwata 15(1) Fi 43(6)tiin Himateera.
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaas Dhimmicha Ilaalee Falmisiisuu Dhaan Jecha Himatamtootaa Kan Dhagahe Yoo Ta’u, Himatamtoonni Lamaanuu Galmeelee Irratti Himataman Lamaanuu Irratti Akkaatuma Himannaa Yakkaa Isaan Irratti Bu’uuree Jiruutiin Kan Amanan Waan Ta’eef Balleessaa Jechuu Dhaan Adabbii Isaanii Fi Fakkaattota Isaanii Barsiisuu Danda’u:- 1ffaa Himatamaa Mallasee Shaaphaa Jedhamu Adabbii Hidhaa Salphaa Baatii 10 Fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 17,000(kuma Kudha Torbaatiin) Akka Adabamuu Fi 2ffaa Himatamaa Haarun Suruu Jedhamu Immoo Adabbii Hidhaa Salphaa Baatii Lamaa Fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 10,000(kuma Kudhaniitiin) Akka Adabamu Dhaddacha Guyyaa 19/09/2017 Ooleen Murtii Dabarseera.
Nutis Daldalli Seeraan Alaa Alseerummaa Kan Babaldhisuu Fi Galii Mootummaa Gadi Buusuu Dhaan Diinagdee Biyyaa Irratti Dhiibbaa Hamaa Kan Geessu Waan Ta’eef Hawaasni Keenya Gochaa Alseerummaa Akkanaa Irraa Akka Of Qusatuu Fi Kan Hojii Daldalaa Irratti Bobba’us Ulaagaa Seeraan Kaayame Guuttatee Akka Hojjatu Cimsinee Dhamsa Dabarsina.

Manni Murtii Kutaa Magaalaa Allachee Labsii 250/2015 Hundaayuun Bara 2016 Erga Hojii Eegalee As Hojiiwwan Kenna Tajaajilaa Si'ataa Fi Si'oominna Qabu Hawaasaaf Kennuun Gahee Ofii Bahataa Jiru. Manni Murtii Kun Abbootii Dhimmaa Tajaajila Haqaa Barbaacha Garasitti Imalan Tajaajila Saffisaa, Dhaqqabamaa Fi Haqa Qabeessa Dhiheenyatti Akka Argataniif Hojjataa Jiraachuu Ragaan Arganne Ni Agarsiisa.

Erga Manneen Murtii Kutaalee Magaalaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Gadi Bu'anii Hawaasni Tajaajila Haqaa Barbaaduuf Fagoo Osoo Hin Imalin, Dhaamaatii Fi Baasii Gara Garaatiif Osoo Hin Saaxilamin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Allacheetti Dhiheenyatti Tajaajila Argataa Jiraachuu Abbootiin Dhimmaa Himaniiru.

Perezidaantiin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Allachee Obboo Muhaammad Kamaal Ergaa Dabarsaniin, Manni Murtichaa Teekinoolojii Gara Garaatti Fayyadamuun, Tajaajila Kenninu Si'ataa Fi Qulqulluu Akka Ta'uu Fi Hawaasni Caalmatti Akka Fayyadamuuf Kan Gargaaru Ta'uu Eeraniiru.

Manni Murtii Kutaa Magaalaa Allachee Kenna Tajaajilaa Bu'a Qabeessa, Si'ataa Fi Dhaqqabamaa Taasisuuf Teeknoolojiin Deeggaramuun, Tarsiimoo Manneen Murtii Gara Waraqa Maleessaatti Ceesisuu Jedhu Hojiirra Oolchuuf Kutannoon Hojjataa Jiraachuu Ibsaniiru.

Erga Manni Murtii Kutaa Magaalichaa Fulbaana Bara 2016 Hundaayee Kaasee Galmeewwan 3176 Ilaaluu Fi Dhibbeentaa 95 Murtii Kennuun Hawaasni Tajaajila Haqaa Saffisaa Fi Dhaqqabamaa Ta'e Argataa Jiraachuu Himaniiru.

Karoora Bu'aa Irratti Xiyyeeffate Baafachuufi Hojitti Galuun Hawaasa Tajaajilaa Kan Jiranii Fi Namoota Harka Qalleeyyiifis Tajaajila Abukaatummaa Bilisaa Ogeeyyii Isaaniitiin Kennaa Jiraachuu Kaasuun, Ragaa Sobaa Mul'atus Hambisuufi Dhaqqabamummaa Abbaa Dhimmaa Fiduufis Koree Keessummeessituu Hundeessuuf Hordoffii Taasisuun Ogeeyyonni Mana Murtichaa Gahee Ofii Bahataa Jiraachuu Kaasaniiru.

Bilisummaa Abbaa Seerummaa Mirkaneessuufis Hubannoo Kennuu, Akkasumas Sirni Ittigaafatamummaa Diriire Akka Hojiirra Oolus Xiyyeeffannoon Kan Hojjatamu Ta'uu Ibsuun, Hawaasni Dhiheenyatti Tajaajila Haqaa Dhaqqabamaa Akka Argatus Mana Murtii Aadaa Itti Dhiheenyaan Deeggaruun Gahee Ofii Bahataa Jiraachuus Eeraniiru.

 

Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Allacheetti Leenjiin Hanqinoota Seeraafi Hojmaata Labsii 240/13 Fi Tumaalee Seeraa Aadaa Mala Hiikkaa Waldhabdee Irratti Kenname.
Manni Murtii Aadaa Ummanni Keenya Tajaajila Haqaa Dhaqqabamaa, Adeemsa Salphaa Ta’eefi Baasii Xiqqaan Akka Argatu Taasisuun Sirna Seeraafi Haqa Guddina Aadaaf Duudhaa Oromootiif Gumaachuufi Miirri Abbummaa Keessatti Mirkanaa’e Uumuudha.
Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Aaddee Giiftii Bundhaa Kaayyoon Leenjii Kanaa Rakkoo Hubannoo Irraa Kan Ka'e Abbootiin Gadaa Murtii Kennan Irraatti Rakkachaa Turuu Himuun, Murteewwaan Walxaxaa Mana Murtii Aadaafi Idilee Woliin Akka Walitti Hin Buunee Irratti Xiyyeeffachuun Leenjii Kana Kan Keennan Yoo Ta'u Waajjirrichi Deeggarsaafi Hordooffi Barbaachisaa Taasiisuun Abbootii Gadaa Magaalichaa Waliin Qindoominaan Kan Hojjatan Ta'uu Himanii Jiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Allachee Obbo Seenaa Roobaa Gama Isaanitiin Sagantaa Kana Abbootii Gadaatiif Hubannoo Kennuun Abbootiin Gadaa Seeraa Aadaa Daangaa Seeraa Eeguun Murtii Akkamii Kennuu Akka Qaban Irrattii Kan Kenname Ta'uu Ibsuun, Leenjiin Kenname Galmaa Yaadame Gahuu Akka Qabuuf Qaamoonni Qooda Fudhattoota Gahee Isaanii Bahuu Akka Qaban Himanii Jiru.
Pirezedaantiin Mana Murti Kutaa Magaalaa Allachee Obbo Mohaammeed  Kamaal Hanqinoota  Labsii 240/13 Labsii Mana Murtii Aadaa Hundeessee Harcaatiiwwaan Jiru Hoj-maata Keessaa Jiru Qorannoo Taasifameen Manneen Murtii Aadaa Sakkatta'uun Hanqinna Mul'atan Akka Furamaniif Yaadamee Kan Kenname Ta'uu Ibsanii Jiru.
Manni Murtii Aadaa Hawaasni Baasii Xiqqaan Karaa Aadaafi Duudhaa Ummata Oromoo Gidduu Galeessaa Taasifateen Kannamaa Jiraachuun Himuun Mannii Murtii Aadaa Seeraa Aadaa Bu'uuraa Godhachuun Kan Hojjatu Ta'uu Ibsaniiru

Guyyaan 19-6-2017

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Hojiilee TQO’n Walqabatan:- Haala Itti Fayyadama CAS ,QMS Fi DMS Irrattii Hawaasa Mana Murtichaatiif Hubannoo Dandeettii Cimsuu Kennaa Ooleera. 
Hubannoo Kana Irratti Galmeen Ol’iyyannoon Ergamu Haala Kamiin Karaa E-Faayilingiin Akka Ergamu, Hanqinni Galmee Oliyyannoo Yoo Mudate Yeroo Gabaabaa Keessatti Akkamitti Sirreeffame Akka Ergamuu Qabu, Akkasumas Galmeen Yeroo Ergamu Bu’uura Irraa Ulaagaa Oliyyannoof Barbaachisu Hundaa Guutuu Isaa Mirkanneeffamee Ergamuu Akka Qabuu  fi Galmee Murtii Xumuraa Argatee Mana Galmeetti Deebi’ee Iskaan Gochuu Dhaan Akkamitti DMS Irratti Akka Fee’amu Akkasumas Sirna Dabaree Keessummeessa Abbaa Dhimmaa (QMS) Haala Kamiin Fayyadamuu Akka Qaban Karaa Hojjettoota Mana Murtichaa Guutuu Hirmaachiseen Hubannoon Karaa Ogeessa TQO Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Obboo Ibraahim Hajjiitiin Kennamerra. Hawaasni Mana Murtichaa Hubannoon Karaa Ogeessa TQOtiin Kennameef Kun Bareedaa Fi Fuulduras Haaluma Kanaan Itti Fufuu Akka Qabus Gaafataniiru. 
 Xumura Irratti B/B Pireezidaantii Mana Murtichaa Obbo Edaasoo Baamud Kallattii Hojii Fuula Duraa Kaayaniin Dhimmi TQO’n Walqabatu Sirritti Lafa Qabatee Haala Qulqullina KTAS Mirkaneessuu Danda’uun Hojii Irra Ooluu Akka Qabuu Fi Keessattuu Harcaatiin Gama Ol’iyyannoo Kennuutiin Darbee Darbee Mul’achaa Jiru Sirreeffamuu Dhaan Abbaan Dhimmaa Dhamaatii Fi Baasii Hin Malleef Akka Hin Saaxilamne Hambisuun Sirna KTAS Keenya Si’ataa, Qulqulluu Fi Dhaqqabamaa Akka Ta’uuf  ciminaan Irratti Hojjatamuu Akka Qabu Kallattii Kaahuun Walgahiin Xumuramee Jira

 
โžช "Sirna Falmii Elektiroonikaa" Jechuun Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Fayyadamuun Adeemsa Baniinsa Galmee Irraa Eegalee,sirna Dhagahaa Fi Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Itti Aanuun Jiran Hunda Kan Hammatu Jechuudha.
  Sirni Falmii Elektiroonikaa Hojii Irra Oolu Gosoota Armaan Gadii Of Keessaa Ni Qabaata:

โž 1. Sirna Faayila Elektiroonikaa: Kana Jechuun Sirna T๐—ค๐Ž(teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo) Fayyadamuudhaan Himata,deebii,ol'iyyata,iyyata,ajajaa Fi Tajaajila Adda Addaa Manni Murtii Kennu,Mana Murtii Tokko Irraa Gara Mana Murtii Biraatti Ykn Dhaddacha Tokko Irraa Gara Dhaddacha Biraatti Ittiin Simatamu Ykn Ergamu Ykn Abbaan Dhimmaa Gara Mana Murtiitti Ittiin Ergatu Ykn Mana Murtii Irraa Itti Simatu Jechuudha.

โž 2. Sirna Dhagaha Halaalaa: Kana Jechuun Sirna Abbaan Dhimmaa Qaamaan Mana Murtii Dhaquun Osoo Hin Barbaachisin Mala Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Diriireen Fayyadamuun Mana Murtii Beellama Qabsiisuu Ykn Mana Murtii Isatti Dhiyoo Jiru Dhaquun Ykn Dhaquu Osoo Hin Barbaachisin Haala Isaaf Mijate Biroon Tajaajila Barbaadu Argachuu Jechuudha.

โž 3. Sirna Kanfaltii Ekektiroonikaa: Kana Jechuun Tooftaa Daddabarsa Qarshii Baankii Biyyooleessaa Itoophiyaatiin Hayyamamee Fi MMWO Tiin Beekamtii Argateen Kaffaltii Tajaajila Abbaa Seerummaa Fi Dhimmoota Adda Addaatiif Karaa Elektiroonikaa Raawwatamuu Fi Qabsiifamu Jechuu Dha.

โž 4. Sirna Ergaa Gabaabaa: Kana Jechuun Tooftaa Abbaan Dhimmaa Bilbila Harkaa Fayyadamuudhaan Odeeffannoo Galmee Isaa Sirna Manni Murtii Diriirseen Fayyadamuun Ergaa Gara Barreeffamaatiin Argatu Jechuudha.

โž 5. Sirna Suur-sagalee: Kana Jechuun Adeemsa Hojii Dhaddachaa Suuraa Socho'aa Fi Sagalee Yookiin Suuraa Socho'aa Waraabame Jechuudha.
  Ragaan Sagalee Ykn Suur-sagaleen Waraabame Gara Barreeffamaatti Jijjiiramee Galmeen Walqabatee,Lakkoofsi Addaa Kennameefi Iddoo Nageenyummaa Isaa Mirkanaa'etti Kuufamuu Qaba,Dambii T๐—ค๐Ž Lakk.11/2016 Keewwata 16(4).6. Sirna Bulchiinsa Dhimmootaa: Kana Jechuun Sirna Manneen Murtii Keessatti Diriiruun Bulchiinsi Galmee Giddu Gala Tokko Irraa Ittiin Bulfamu,sochii Galmee Mana Murtii Sadarkaan Jiranii Ittiin Hoogganamuu Fi Ragaalee Akka Suur-sagalee,sagalee,suuraa Fi Ergaa Gabaabaa Fi Kan Biroo Fudhatuu Fi Kuusuu Jechuudha.
  Abbaan Dhimmaa Hayyama Argate Sirna Bulchiinsa Dhimmaa Keessa Seenuun Sochii Galmee Isaa Hordofuu,murtii,ajajaa Fi Ragaa Galmee Biroo Argachuu Ni Danda'a;Dambii T๐—ค๐Ž Lakk.11/2016 Keewwata 14(3).

โž 7.Sirna Dabaree Abbaa Dhimmaa: Kana Jechuun Moosaajii Dabaree Abbaan Dhimmaa Ykn Dabareen Dhimmaa Akkaataa Duraa Duuba Dhufaatii Isaatiin Ittiin Keessummaa'u Jechuudha.
  Abbaan Dhimmaa Akkaataa Dabaree Isaatiin Keessummeeffamuuf Mirga Qaba.Bu'uura Seera Jiruun Abbaan Dhimmaa Dursa Argachuu Qabu Dursa Kan Keessummaa'u Ta'a,Dambii T๐—ค๐Ž Lakk.11/2016 Keewwata 15(2,3).

fi
โž 8. Sirnoota Biroo Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaaf Oolaniidha.
           •••โˆญ•••
      01/12/2016
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•
 MMAKMH
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•

 Manneen Murtii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Fi Bulchiinsa Keessoo Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannootiin Deeggaruun Tajaajila Ammayyaa'aa Qulqulluu,dhaqqabamaa,si'ataa Fi Bu'a Qabeessa Ta'e Kennuun Itti Quufinsa Abbootii Dhimmaa Dabaluu Qabu.Itti Fayyadama Meeshaalee Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo(TQO) Waliin Wal Qabatee Gahee Fi Dirqamni Ofiisaroota Seeraa Fi Abbootii Seeraa Maali? Dubbisa Gaarii!!

โ˜…#Gahee_fi_Dirqama_Hojii_Ofiisara_Seeraa:
#Ofiisarri_Seeraa:-
โ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Keessatti Hojii Irra Oole Fayyadamuun Abbaa Dhimmaa Keessummeessuu Qaba;
โ˜žHimata,deebii,iyyata Yookiin Ol'iyyanni Sirna Faayila Elektiroonikaan Dhiyaatu Ulaagaa Teekinikaa Guutee Dhiyaachuu Isaa Mirkaneessuun Qaama Aangoo Qabuuf Ni Dabarsa,banee Dhaddachaaf Ni Dhiyeessa;
โ˜žWaraqaa Waamichaa,deebii,ajaja Adda Addaa Fi Iyyata Adda Addaa Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Fayyadamuun Qaama Ilaaluuf Ni Erga,ni Fudhata;
โ˜žHimata,deebii,iyyannoo Yookiin Iyyata Adda Addaa Ulaagaa Hin Guunne Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Fayyadamuun Qaama Aangoo Qabu Waliin Mari'atee Battalumatti Abbaa Dhimmaa Yookiin Mana Murtii Erge Beeksisuun Yeroo Sirreeffamee Deebi'utti Dursa Kennuun Keessummeessuu Qaba;
โ˜žKaffaltii Abbaa Seerummaa Fi Maallaqa Adda Addaa Moodelaan Qabamu Sirna Kaffaltii Elektiroonikaan Akka Raawwatamu Ni Taasisa Ragaa Isaas Ni Qabata;
โ˜žNagahee Kaffaltii Elektiroonikaa Dhiyaatu Gara Nagahee Galii Itti Muruun Qaama Dhimmi Ilaaluuf Ni Dabarsa;
โ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Hojii Irra Oole Nageenyummaa Fi Icciitummaa Isaa Eeguun Kaayyoo Barbaadameef Qofa Oolchuu Qaba;
โ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaan Yeroo Hojjatu Daangaa Fi Istaandardii Yeroo Kaa'ame Keessatti Hojjachuu Qaba;
โ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaan Yeroo Hojii Isaa Hojjetu Galmee Ol'iyyannoo Wal Fakkaatan Yeroo Lama(2) Banuu Hin Qabu;fi
โ˜žHojii Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoon Hojjataman Qindeessuun Qaama Dhimmi Ilaaluuf Gabaasa Dhiyeessuu Qaba.

โ˜…#Gahee_fi_Dirqama_Hojii_Abbaa_Seeraa:
#Abbaan_Seeraa:-
โ˜žโ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Hojii Irra Oole Fayyadamuun Tajaajila Abbaa Seerummaa Ni Kenna;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Elektiroonikaatiin Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Hojjatu Mirgoota Dhala Namaa Eegumsa Heeraa Fi Seeraa Qaban Kabajuu Fi Kabachiisuuf Dirqama Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Keessatti Hojiirra Oole Nageenyummaa Fi Icciitummaa Isaa Eeguun Kaayyoo Barbaadameef Oolchuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Diriiretti Fayyadamuun Dhaddachaan Alatti Haala Kabajaa Fi Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa Eegeen Abbootii Seeraa Mana Murtichaa Waliin Yookiin Abbootii Seeraa Mana Murtii Biroo Hanqinna Abbaa Seeraa Qabu Waliin Moggaafamee Dhaddacha Yookiin Marii Geggeessuu Ni Danda'a;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Geggeessu Daangaa Fi Istaandaardii Yeroo Kaa'ame Keessatti Hojjachuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Geggeessu Dhimmoota Dhaddacha Cufaan Ilaalamuu Qaban Bu'uura Seera Rogummaa Qabuun Keessummeessuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Gaggeessu Sababa Humnaa Oliitiin Hojiin Dhaddachaa Kan Addaan Cite Yoo Ta'e,fi Rakkoon Humnaa Olii Muudate Furamuu Kan Hin Dandeenye Yoo Ta'e,beellama Dabalataa Kennuun Beellama Itti Aanutti Hojii Dhaddachaa Iddoo Dhaabbatee Akka Itti Fufu Taasisuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Gaggeessutti Sababa Humnaa Oliitiin Dhaddachi Gaggeeffamuu Kan Hin Dandeenye Yoo Ta'e,haala Dhimmichaa Irratti Hundaa'uun Beellama Dabalataa Kennuu Ni Danda'a.

Guyyaa 19/09/2017
                                            Oolmaa Dhaddachaa
Himatamtoonni Lamaan Maqaan Isaanii Mallasee Shaaphaa Fi Haarun Suruu Jedhaman Yakka Daldala Seeraan Alaatiin Galmee Garagaraatiin Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti Kan Himataman Yoo Ta’u, Haaluma Kanaan Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Himannaa Yakkaa Himatamtoota Lameen Irratti Galmee Garagaraatiin Bu’uuresseen Himatamaan Mallasee Shaaphaa Jedhamu Hayyama Daldalaa Naannoo Sidaamaa Qabatee Iddoo Hojii Daldalaa Itti Gaggeessaa Jiru Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Osoo Hin Beeksisin Hojii Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Keessatti Hojjachaa Ture Jechuu Dhaan Bu’uura Labsii Galmeessa Daldalaa Fi Kenniinsa Hayyama Daldalaa Lakk. 980/2008 Keewwata 26(7) Fi 49(8)tiin Kan Himate Yoo Ta’u, Himatamaan Haarun Suruu Jedhamu Immoo Gatii Meeshaalee Iddoo Ifaa Ta’etti Osoo Hin Maxxansin Hojii Daldalaa Hojjachaa Ture Jechuu Dhaan Bu’uura Labsii Shammaatotaa Federaalaa Lakk. 813/2005 Keewwata 15(1) Fi 43(6)tiin Himateera.
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaas Dhimmicha Ilaalee Falmisiisuu Dhaan Jecha Himatamtootaa Kan Dhagahe Yoo Ta’u, Himatamtoonni Lamaanuu Galmeelee Irratti Himataman Lamaanuu Irratti Akkaatuma Himannaa Yakkaa Isaan Irratti Bu’uuree Jiruutiin Kan Amanan Waan Ta’eef Balleessaa Jechuu Dhaan Adabbii Isaanii Fi Fakkaattota Isaanii Barsiisuu Danda’u:- 1ffaa Himatamaa Mallasee Shaaphaa Jedhamu Adabbii Hidhaa Salphaa Baatii 10 Fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 17,000(kuma Kudha Torbaatiin) Akka Adabamuu Fi 2ffaa Himatamaa Haarun Suruu Jedhamu Immoo Adabbii Hidhaa Salphaa Baatii Lamaa Fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 10,000(kuma Kudhaniitiin) Akka Adabamu Dhaddacha Guyyaa 19/09/2017 Ooleen Murtii Dabarseera.
Nutis Daldalli Seeraan Alaa Alseerummaa Kan Babaldhisuu Fi Galii Mootummaa Gadi Buusuu Dhaan Diinagdee Biyyaa Irratti Dhiibbaa Hamaa Kan Geessu Waan Ta’eef Hawaasni Keenya Gochaa Alseerummaa Akkanaa Irraa Akka Of Qusatuu Fi Kan Hojii Daldalaa Irratti Bobba’us Ulaagaa Seeraan Kaayame Guuttatee Akka Hojjatu Cimsinee Dhamsa Dabarsina.