Guyyaan Kabaja Farra Malaammaltummaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Kabajame.

user 11-Feb-2025 MMO Magaalaa Shaashamannee

Guyyaan Kabaja Farra Malaammaltummaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Kabajame.
••••••Sadaasa 21, 2017 Shaashamanne•••••••

Guyyaan Kabaja Farra Malaammaltumaa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee dhaadannoo “ Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaarii Ijaaruun Badhaadhinna Hunda Galeessaaf “jedhuun kan kabajame yoo ta’u, Haasawa baniinsaa taasisaniin Pirezdaantii MMO Magaalaa Shaashamannee kan ta’an kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu Tajaajila Hawaasaa kennaa jirru keessatti qulqullinaa fi amanamummaa ol’aanaa ummataa irraa nutti kenname galmaan gahuuf kutannoo cimaan nurraa eegama , Dhaloota egeree naamusaawaa ijaaruuf immoo hojii keenya guyyaa guyyaan tajaajila kenninu keessatti malaammaltummaa maqsuuf hojjatamuu qaba jechuun ergaa dabarsaniiru.

Gama biraatiin Barreeffamni gabaabaan dhimma kanaaf qophaa’e qabiyyee muraasa fudhachuudhaan kan dhiyeessan Inspekshiinii MMO Magaalaa Shaashamanneetiin dhiyaatee akkaataa duudhaa fi safuun ummata oromoo malaammaltummaa balaaleeffatu karaalee jechaamoota hawaasaa wajjiin walsimsiisuun dhiyeessanii mariin bal’aan hirmaattota  wajjiin mari’atamee jira.

Malaammaltummaa dhabamsiisuun Amantaan ummanni mootummaa fi mana hojii irraa qabu daran akka dabaluuf, mirgi namoomaa fi diimokraasii akka kabajamu, nageenyi tasgabbaa'aa fi fulla'aan akka uumamuu fi mootummaan cimaan akka jiraatu kan taasisuudha

Related Post