Thursday, June 25, 2026
�𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝑴𝒖𝒓𝒕𝒊𝒊 𝑴𝒂𝒈𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑺𝒉𝒂𝒂𝒔𝒉𝒂𝒎𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑸𝒂𝒂𝒎𝒐𝒍𝒆𝒆 𝑯𝒊𝒓𝒕𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒋𝒋𝒊𝒊𝒏 𝑴𝒂𝒓𝒊𝒊 𝑮𝒂𝒈𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒆.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
𝑺𝒂𝒅𝒂𝒂𝒔𝒂 27, 2018
𝑺𝒉𝒂𝒂𝒔𝒉𝒂𝒎𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆Hooggantoonni Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee kenna tajaajila haqaa fi rakkoolee hojii keessatti mul'atan haala foyyeessuun danda'amurratti qaamolee Hirtaa(Waajjira Abbaa Alangaa fi Waajjira Poolisii) sadarkaa Kutaa Magaalaa fi Rijiyoo wajjiin marii gaggeesse jira.
Qindoominna qaamolee haqaa wajjiin marii gaggeeffame kanarratti Pirezdaantonni Manneen Murtii Kutaa Magaalaa, Pirezdaantii MMO Magaalaa Shaashamaannee, Hoogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa fi Hogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Rijiyoo akkasumas Qorattoota Yakkaa Rijiyoo fi Kutaa Magaalaa kan hirmaachise yoo ta'u; sirni haqaa akka dagaaguu fi nageenyi waaraan akka jiraatuu fi hawaasni amantaa tajaajila kennamu irraa qabaatan walhubachaa deemuun harcaatiiwwan uumamaniif fala kennuun tajaajilaa haqa qabeessa hawaasaaf kennuu akka qaban himaniru.
Xumura irratti hanqinoota kenniinsa tajaajila sirna haqaan walqabatee jiru irratti mariin erga gaggeeffameen booda hojiilee sirna haqaa irratti qindoominaan hojjachuun hanqinoota mul'atan maqsuuf hojjachu akka qaban kallattiin fuula duraa kaayamuun marichi goolabameera.
Website: www.schcourt.gov.et/court
Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0
Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005
Gmail: schc@gmail.com