Mariin Sirreeffamtoota Seeraa Wajjiin Taasifame

user 18-May-2026 MMO Magaalaa Shaashamannee

๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐’๐ก๐š๐š๐ฌ๐ก๐š๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž ๐Œ๐š๐ซ๐ข๐ข ๐’๐ข๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐–๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐†๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง๐ข๐ข ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ.
••••••••••••••••••
๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ‘, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ–

Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Sirreeffamtoota Manneen Murtii Magaalaatiin Murtiin Balleessummaa Itti Kennamee Adabbii Itti Murtaa'ee Raawwachaa Jiran Tajaajila Haqaa Kennamaa Jiru Irratti Mariisiseera.
Marii Kana irratti Hooggansi Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee fi sirreeffamtoota seeraa gidduutti taasifame, dhimmoota ijoo haqa qabeessummaa, si’oominnaa fi dhaqqabummaa TQO diddiriisuudhaan Tajaajila VK Manni Sirreessa manneen murtii magaalaa waliin kennaa jiru dawwachuun Tajaajila Kennamaa jiru qabatamaan qaamaan argamuun hanqinoota jiran adda baasuudhaan karaa furmaatni argamuu danda’u irratti Hoogganaa Mana Amala Sirreessaa Godinaa Arsii Lixaa Wajjiin mariin bal’aan gaggeeffameera.
Kaayyoon ijoon Marii Rakkoolee adeemsa murtii keessatti sirreeffamtoota mudachaa jiru kallaattiin dhaggeeffachuu, Keessattuu, dhimmoota ragaa sobaa nama fi sanadaan walqabatuu fi naamusaa irratti mariin bbali'aan sirreefamatoota waliin taasifamee jirra.
Marii Kanaanis Sirreeffamtoonni dhimmoota Qulqullina Ragaatiin walqabatee Ragaaleen dhiyaatan sirritti qulqulleeffamuu akka qabanii fii raga sobaa irratti xiyyeeffannoon ol’aanaan kennamee akka hojjatamu dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.
Mariin kun hirmaannaa sirreeffamtootaa mirkaneessuu bira darbee, manneen murtii tajaajila iftoomina qabu akka kennan kan jajjabeessu dha. Dhuma irratti, komiiwwan dhiyaatan irratti hundaa’uun jijjiiramni qabatamaan akka dhufu kallaattiin kaa’amuun marichi goolabameera.

Related Post

Popular post