Thursday, June 25, 2026
Jiilli Pirezdaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamanneetiin durfamu jijiirraa muxannoo Mana Murtii Ol'aanaa Harargee Lixaa wajjiin taasise.
Sadaasa 18,2017 Shaashamannee
Jiilli Pirezdaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee kan ta'an kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluutiin durfamu muxannoo jijjiirraa Manneen Murtii Aanaa fi Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa wajjiin godhanii jiru. Jiila kanaaf simannaan hoo'aan karaa koree Bulchiinsa Mana Murtii Ol'aanaa Harargee Lixaa fi Kabajamoo Pirezdaantii Obbo Muhaammad Abdurramaaniitiin taasifamee jira. Sagantaa muxannoo wal jijjiirraa kanaanis Mana Murtii Aanaa Ciroo fi Mana Murtii Aanaa Gammachiis akkasumas Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa Daawwataniiru.
Dawwannaa kanaanis hojiilee ijoo kanneen akka sochii hundeeffama Manneen Murtii Aadaa irratti hojjatame, TQO walqabatee tekinoolojiiwwan diriiranii tajaajila kennaa jiranii fi Qophii Karoora Adeemsaalee fi namoota dhuunfaa daawwatamee jira.