Thursday, June 25, 2026
Hubannoo Abbootii Dhimmaatiif Kenname
=================////=================
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa hubannoo abbootii dhimmaatiif kennuu isaa itti fufeera. Koreen Keessummeessaa Mana Murtiichaa guyyaa 24/07/2018 hubannoo abbootii dhimmaatiif kenneera.
Hubannoon kenname kun, yeroo gara mana murtii tajaajilaaf dhufanitti, naamusaa fi gochoota abbaa dhimmaa irraa eegaman irratti xiyyeeffata.
Abbaan dhimmaa yeroo mooraa mana murtii seenu sakatta’amuu qaba; bakka aara galfannaa abbaa dhimmaatiif qophaa’e taa’ee beellama isaa eegachuu qaba; falmiif qophii barbaachisaa taasisuun dhiyaachuu qaba.
Haalli uffannaa isaa duudhaa, safuu fi waliin jireenya uummata Naannoo Oromiyaa fi biyyattii kan kabaje, akkasumas kabajaa mana murtii fi bulchiinsa haqaa kan eegu ta’uu qaba.
Abbaan dhimmaa mooraa mana murtii keessattis ta’e dhaddacha irratti, wantoota kabachiisoo ta’an dhaddacha fi hojjattoonni biroon ajajan kabajuun raawwachuu qaba.
Akkasumas, gama teeknolojiiin walqabatee dhimma isaa irratti, abbaan dhimmaa yeroo oliyyannoo fudhatu galmee mana murtii aanaatti MMO fi MMWOtti ergamee, haala salphaan VK mana murtii aanaatti itti tajaajilamuu danda’u irratti hubannoon kennameera.