Thursday, September 10, 2026
๐๐๐๐ง๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐๐ฎ๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐จ๐ซ๐๐ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐๐๐ง๐ง๐๐๐ง ๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ก๐๐๐ฌ๐ก๐๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐๐ญ๐ข๐ข๐ ๐๐๐ง๐ง๐๐ฆ๐.
Bitotteessa 16, 2018
ShaashamanneeGareen Naamusaa fi Inispeekshiin MMO Magaalaa Shaashamannee akkaataa kenniinsa tajaajilaa fi Keessummeessa Abbaa Dhimmaa ilaalchisee hubannoo koree keessummeessa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamanneetiif kennee jira. Dhimmoonni akka naamusa sirna dhaddachaa, Abbaa dhimmaa keessummeessuudhaan amantaa fi itti quufiinsa horachuu, kenna tajaajila hawaasa garaa gahu uumuuf,dhimmootni daangaa yeroo kennamee keessatti furmaata akka argatuuf hordoffii gochuuf akkasumas hojiin MM iftoominna akka qabaatuu fi kanneen biroo irratti hubannoon bal'inaan kennamee jira.
Xumura irratti yaadni karaa hirmaattotaa ka'ee hanqinnaa fi ciminnis adda bahee hanqinoota mul'atan maqsuu irratti immoo akka hojjatamu Itti Gaafatamtuun Garee Naamusaa fi Inispeekshiiniii Kabajamoo Aadde Meetii Taaddalaa kallattii kaayuu goolabaniiru.