Kenna Tajaajila Haqaa Dhaqqabamaafi Haqa Qabeessaย  Hawaasaaf

user 28-Feb-2025 MMAKM Haruufaa

Kenna Tajaajila Haqaa Dhaqqabamaafi Haqa Qabeessa  Hawaasni Dhiheenyatti Akka Argatu Gaheen Manneen Murtii Aadaa Olaanaadha.

__

 

Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Haruufaatti gamaaggamni raawwii hojii Manneen Murtii Aadaa ji'oota jahaa gaggeeffame.

 

Gamaaggama kanaanis, gabaasni raawwii hojii Manneen Murtii Aadaa Aanaalee sadan Kutaa Magaalaa Haruufaa Abbaa Adeemsa Faayinaansii Mana Murtii Kutaa Magaalichaa Obboo Muhaammad Wottee tiin dhiyaachuun hanqinnaa fi ciminna jiru irratti mariin bal'aan taasifamee jira.

 

Perezidaantiin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Haruufaa  Aaddee Muniiraa Abdulqaadir akka jedhanitti, Manneen Murtii Aadaa erga hundaayanii kaasee hawaasni keenna tajaajila haqaa dhaqqabamaa ta'e dhiheenyatti argataa jiraachuu fi baasiif dhamaatii hin malleef osoo hin saaxilamin haqa waloo argataa jiraachuu himaniiru.

 

Hojii haqa hawaasaa baasuu gama Manneen Murtii Aadaa Kutaa Magaalichaatiin hojjatamaa tureen qarshiin miliyoonotaan lakkaawamu hawaasa irraa hafuu fi haqni abbaa dhimmaa osoo lafarra hin harkifatin abbaaf galaa jiraachuus kaasaniiru. Manneen Murtii Aadaa jalqabaa fi oldabarfannaas tajaajila haqaa kennaa jiran akka cimsan hojii deeggarsaa fi hordoffii kan taasisan ta'uus eeraniiru.

 

Perezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamannee Obboo Yuusuf Qaalluu ergaa dabarsaniin, hojii Manneen Murtii idilee hojjataa jiraniin cinatti hawaasni keenna karaa duudhaa fi aadaa ofii beekuutiin haqa isaanii akka argataniif Manneen Murtii Aadaa kenna tajaajilaa gama haqaatiin jiru kennaa jiraniin hawaasni fayyadamaa jiraachuu kaasan.Hojii Manneen Murtii Aadaa hojjataa jiraniinis  Manneen Murtii idilee irraa ba'aan hojii salphataa akka dhufu kutannoon hojjachuu akka qabanis eeraniiru.

 

Haqni hawaasaa gama Manneen Murtii Aadaatiin kennamaa jirus akka cimee itti fuufu hojii gama deeggarsaa fi hordoffii kan cimsan ta'uu kaasuun, hubannoon gama dambii fi labsii Manneen Murtii Aadaatiin jiru akka caalmatti cimus Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee itti dhiheenyaan kan deeggaran ta'uu ibsaniiru.

 

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaaf Turizimii Magaalaa Shaashamannee Aaddee Giiftii Bundhaa gama isaaniitiin, ummanni keenna aadaa ofii ganamaatti deebi'uun haqa ofii dhiheenyatti argachuun injifannoo guddaa ta'uu himan.Gaaddisni Manneen Murtiis karaa duudhaa isaa eeggatee fi yeroon ijaaramuun tajaajila akka kennu qooda fudhattoonni sadarkaa Kutaa Magaalaa fi Aanaalee deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisuu qabanis ibsaniiru.Manneen Murtii kunis galii keessoo qabaachuun hanqinnoota loojistikii akka furataniifis hojjatamuu akka qabu himaniiru.

Haqa hawaasaa gama Manneen Murtii Aadaatiin bahaa jiru irraa ummanni dhiheenyatti fayyadamoo ta'aa jiraachuu

Bulchaan Kutaa Magaalaa Haruufaa Obboo Hamiid Tusii himaniiru.Gara fuuladuraattis haqni hawaasa keennaa karaa duudhaa ganamaa isaatiin bahaa akka deemuuf itti dhiheenyaan kan deeggaran ta'uus ibsaniiru.

ummanni keenna haqa isaa dhamaatii fi baasii hin malleef osoo hin saaxilamin  dhiheenyatti  argachuun badhaadhinna biyyi keenna eegalte akka mirkaneessuuf Manneen Murtii Aadaa hundeessuun xiyyeeffannoon hojjatamaa jiru irraa hawaasni fayyadamaa ta'uun; bu'aawwan hedduun galmaayaa jiraachuu himaniiru. Hojiin gama kanaan hojjatamaa jirus caalmatti akka milkaayuufi rakkoolee fi hanqinnoota mul'atan bu'uura irraa furuuf qindoominnaan kan hojjatan ta'uu ibsaniiru.Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee haqa hawaasa isaanii kutannoon akka bahachuu qaban kaasuun, duudhaaf safuu hawaasaa osoo hin cabsin kenna tajaajilaa gama Manneen Murtii Aadaatiin jiru saffisaa fi haqa qabeessa akka ta'u gahee isaanii akka bahanis dhaamuun; galateeffataniis jiru.

 

Haqni hawaasaa karaa duudhaa isaatiin furmaata akka argatu gahee isaanii kan bahatan ta'uu Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee fi qooda fudhattoonni biroo kaasuun, hanqinnootaa fi rakkoolee isaan mudatanis bu'uura irraa akka furamaniif qooda fudhattoonni sadarkaan jiran deeggarsa barbaachisu akka godhanis kaasaniiru

Related Post

Popular post