Thursday, June 25, 2026
Manneen Murtii kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fi bulchiinsa keessoo sirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannootiin deeggaruun tajaajila ammayyaa'aa qulqulluu,dhaqqabamaa,si'ataa fi bu'a qabeessa ta'e kennuun itti quufinsa abbootii dhimmaa dabaluu qabu.Itti fayyadama Meeshaalee teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo(TQO) waliin wal qabatee gahee fi dirqamni Ofiisaroota Seeraa fi Abbootii Seeraa maali? Dubbisa gaarii!!
โ #Gahee_fi_Dirqama_Hojii_Ofiisara_Seeraa:
#Ofiisarri_Seeraa:-
โSirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo Manneen Murtii keessatti hojii irra oole fayyadamuun abbaa dhimmaa keessummeessuu qaba;
โHimata,deebii,iyyata yookiin ol'iyyanni sirna faayila elektiroonikaan dhiyaatu ulaagaa teekinikaa guutee dhiyaachuu isaa mirkaneessuun qaama aangoo qabuuf ni dabarsa,banee dhaddachaaf ni dhiyeessa;
โWaraqaa waamichaa,deebii,ajaja adda addaa fi iyyata adda addaa sirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo fayyadamuun qaama ilaaluuf ni erga,ni fudhata;
โHimata,deebii,iyyannoo yookiin iyyata adda addaa ulaagaa hin guunne sirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo fayyadamuun qaama aangoo qabu waliin mari'atee battalumatti abbaa dhimmaa yookiin Mana Murtii erge beeksisuun yeroo sirreeffamee deebi'utti dursa kennuun keessummeessuu qaba;
โKaffaltii abbaa seerummaa fi maallaqa adda addaa moodelaan qabamu sirna kaffaltii elektiroonikaan akka raawwatamu ni taasisa ragaa isaas ni qabata;
โNagahee kaffaltii elektiroonikaa dhiyaatu gara nagahee galii itti muruun qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;
โSirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo Mana Murtii keessatti hojii irra oole nageenyummaa fi icciitummaa isaa eeguun kaayyoo barbaadameef qofa oolchuu qaba;
โSirna falmii ekekitiroonikaan yeroo hojjatu daangaa fi istaandardii yeroo kaa'ame keessatti hojjachuu qaba;
โSirna falmii ekekitiroonikaan yeroo hojii isaa hojjetu galmee ol'iyyannoo wal fakkaatan yeroo lama(2) banuu hin qabu;fi
โHojii sirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoon hojjataman qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa dhiyeessuu qaba.โ #Gahee_fi_Dirqama_Hojii_Abbaa_Seeraa:
#Abbaan_Seeraa:-
โโSirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo Mana Murtii keessatti hojii irra oole fayyadamuun tajaajila abbaa seerummaa ni kenna;
โโSirna falmii elektiroonikaatiin yeroo hojii abbaa seerummaa hojjatu mirgoota dhala namaa eegumsa heeraa fi seeraa qaban kabajuu fi kabachiisuuf dirqama qaba;
โโSirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo Manneen Murtii keessatti hojiirra oole nageenyummaa fi icciitummaa isaa eeguun kaayyoo barbaadameef oolchuu qaba;
โโSirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo Mana Murtii keessatti diriiretti fayyadamuun dhaddachaan alatti haala kabajaa fi naamusa ogummaa abbaa seerummaa eegeen Abbootii Seeraa Mana Murtichaa waliin yookiin Abbootii Seeraa Mana Murtii biroo hanqinna Abbaa Seeraa qabu waliin moggaafamee dhaddacha yookiin marii geggeessuu ni danda'a;
โโSirna falmii ekekitiroonikaa fayyadamuun yeroo hojii abbaa seerummaa geggeessu daangaa fi istaandaardii yeroo kaa'ame keessatti hojjachuu qaba;
โโSirna falmii ekekitiroonikaa fayyadamuun yeroo hojii abbaa seerummaa geggeessu dhimmoota dhaddacha cufaan ilaalamuu qaban bu'uura seera rogummaa qabuun keessummeessuu qaba;
โโSirna falmii ekekitiroonikaa fayyadamuun yeroo hojii abbaa seerummaa gaggeessu sababa humnaa oliitiin hojiin dhaddachaa kan addaan cite yoo ta'e,fi rakkoon humnaa olii muudate furamuu kan hin dandeenye yoo ta'e,beellama dabalataa kennuun beellama itti aanutti hojii dhaddachaa iddoo dhaabbatee akka itti fufu taasisuu qaba;
โโSirna falmii ekekitiroonikaa fayyadamuun yeroo hojii abbaa seerummaa gaggeessutti sababa humnaa oliitiin dhaddachi gaggeeffamuu kan hin dandeenye yoo ta'e,haala dhimmichaa irratti hundaa'uun beellama dabalataa kennuu ni danda'a.