Murtii Barsiisoo

user 12-Jun-2025 MMAKM Malkaa Sirbaa

Murtii_Barsiisoo

================

Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Umar Aadam Luuccoo

2ffaa Hirkoo Toleeraa Qananii kan jedhaman badhaadhina isaaniif hin mallee argachuuf , gaafa guyyaa 14//07/2017 guyaa keessa tilmaamaan sa’aati 8:00-9:00 yoo ta’uu, Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Aanaa Iddoo Leencaa iddoo addaa Naannoo Odaa daandii Koobilii jedhamu biratti Miidhamtoota dhuunfaa 1ffaa,Firii Ismaa’el Kamaal fi 2ffaa,Leeylaa Aloo Aagaa jedhaman osoo isaan gara kallattii Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Shaashamanneetti deemaa jiranii,himatamaan 1ffaan kun daandii irratti itti dhufee nagaha gaafatee,Salaamaleeykum jedhee,Haadha tiyya Bofni ana jalaa Iddee dhukkubsattee,Mana Qoricha Aadaa natti agarsiisaa,ani Baalee Roobee irraa dhufee, biyya hin beeku,Birrii Baay’ee of irraa qabaa, ni sodaadhe jedhee, maallaqa hedduu waan of harkaa qabuuf, sodaadhee, haati isin irraa dhukkubsattee hin beektuu jedhee,na wajjiin deemaa na gargaaraa, Qoricha kana ana wajjiin fuudhaa,Qorichi nama Sadiin malee fuudhamuu hin danda’amuu, yoo kophaa deeme daldalaaf waan heddummeessee fuudhe ana sehanii jedhee,Himatamaa 2ffaa kanas Obboleessa Mana Qoricha Aadaa yoo beekte nu geessi jedhee, himatamaan 2ffaan kunis akka waan bilbila haasawaa jiruutti deemee,Abbaa kiyyatu Qoricha sana gurguraa ,Jarri Obboleeyyaan siif haa ta’anii jedhee,Bilbilaa fi waan sibiila qabu qabatanii seenuun hin danda’amuu bilbila himatamaa 1ffaa kanatti kennaa deemaa jedhee, Miidhamtuu 2ffaa irraa Bilbila Infiniksii Qarshii 11000(kuma kudha tokkoo)’n bitamee fi Bilbila Teeknoo Qarshii 12000(kuma kudha lamaa)’n bitame kan irraa fuudhanii fi Miidhamtuu 1ffaa Firii Ismaa’el Kamaal irraa Bilbila Sumsung Gurraacha Qarshii 15000 (kuma kudha shanii)’n 38,000 (kumaa Soddoomi Sagal) baasu kan irraa fuudhannii,deemaa qoricha fidaa koottaa isin eegnaa jedhanii, jalaa miliqanii hordoffii taasifameen ji’a tokkoon booda too’ataman waan ta’eef,yakka Gowwoomsuu waliin ta’uun raawwataniin Abbaan Alangaa Waan Mirkanneessefi ofirraa haa itisaani jedhamaan ragaa ittisa hin qabnu waan jedhaniifi Manni murtii Murii Ballessuma kenne jira.

Bu'uuruma Kanan Manni Murtichaa Murtii Balleessummaa ergaa kennee booda yaada adabbii bitaa mirgaa fuudhuun dhaddacha gaafa guyyaa 6/09/2017 ooleen adabbii isaan barsiisuu fi fakkaattota isaanii barsiisuu jechuun Himatamaan 1ffaan adabbii hidhaa cimaa Waggaa 3 fi adabbii maalaqaa qarshii 3000 Himatamaan 2ffaa adabbii hidhaa cimaa Waggaa 2 fi ji'a 6 fi adabbii maallaqaa qarshii 3000 akka adabaman itti murteessee jira.

Related Post