Manni Murtii Aadaa qisaasamaa fi dhamaatii hawaasaa furuuf gahee olaanaa qaba.

user 28-Mar-2024 MMAKM Allachee

Manni Murtii Aadaa Dhamaatii fi Qisaasama Mana Murtii Idileetiin Hawaasa Mudatu Furuun Cinatti Murtii Dhaqqabamaa fi Haqa Ta'e Kennuu Keessatti  Gahee Olaanaa Qaba Jedhame. 

______

Kutaa Magaalaa Allacheetti Mana Murtii Aadaa caalmatti dhaqqabamaa taasisuu fi kenna tajaajilaa gama kanaan jiru cimsuuf Koreewwan ol dabarfannaa Mana Murtii Aadaa filataman.Koreewwan kunis, hubannoo dhimma Aadaa irratti kan qabanii fi haqa abbaa haqaatiif akka galtuuf cimanii akka hojjatanis eeramee jira. 

 

Perezidaantiin Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Allachee Obboo Muhaammad Kamaal, Manni Murtii Aadaa Labsii 240/2013 kan hundaaye ta'uu kaasuun, sabni aadaa ofiitiin akka haqa argatuu fi dhaqqabamaa fi haqa baasuu irratti bu'aa guddaa qabaachuu isaa eeranii jiru. Mana Murtii Aadaa keessatti qaamni lachuu injifataa akka ta'ee fi haqa baasuu fi dhiheenyaan argachuu keessattis shoora guddaa bahaa jiraachuu himaniiru. 

 

Mana Murtii Aadaa hundeessuu irraa kaasee, Manni Murtii Idilee deeggarsaa fi hordoffii cimsaa deemaa kan turanii fi xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu kaasaniiru.Qaamni mootummaa fi hawaasnis deeggarsa barbaachisu hundaan akka bira dhaabbatanis Obboo Muhaammad dhaamaniiru. 

 

Abbootii Gadaa fi Haawwotiin Siinqee dubbifne tokko tokko yaada kennaniin, erga Manni Murtii Aadaa kun hundaayee hawaasni dhamaatii tokko malee haqa ofii itti dhiheenyaan argataa jiraachuu himan. Himannaa sadarkaa Mana Murtii Idileetiin hin ilaalamne hunda ilaaluun murtii haqa qabeessa ta'e kennaa jiraachuu himuun, ummanni keennas faayidaa isaa hubachuun dhimma itti bahaa jiraachuu kaasanii, hubannoon bal'aan ammas qaamolee dhimmi ilaaluun akka kennamuu qabus dhaamaniiru. 

 

Milkaa'inna hojii kanaatiif qaamoleen gumaacha taasisaniif waraqaan galataa kan kenname yoo ta'u, saganticharratti hooggantoonni olaanoon sadarkaa Magaalaa,kutaa magaalaa fi keessummoonni biroo argamanii jiru.

Related Post

Popular post