Thursday, June 25, 2026
Sirni Marii fi Wal-harkaa Fuudhiinsa Karoora Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Bara 2018 gaggeeffame.
--------------------------
(Fulbaana 29,2017 Shaashamannee)Sirni Marii fi Wal-harkaa fuudhiinsi Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee bakka Af-Yaa'ii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee, Hoogganaa Waldaa Abukaatotaa fi Barreessaaa Waldaa Abukaatota Magaalaa Shaashamannee , Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamaannee fi Bakka Bu'oota Caffee ummataa, Koree Bulchiinsa MMO Magaalaa Shaashamannee fi Pirezdaantota Aanaa Kutaa Magaalaa Manneen Murtii, TQO fi Karoora Manneen Murtii hirmaachisuu dhaan karoorri bara 2018 manneen murtii magaalaa shaashamannee dhiyaatee mariin bal'aan irratti taasifamee jira. Xumura irratti Wal-harkaa fuudhiinsi Karooraa Pirezdaantii MMO Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu fi Pirezdaantota Aanaalee Kutaa Magaalaa giddutti godhamuun xumuramee jira.