Gamaaggama Raawwii Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee

user 05-Apr-2025 MMO Magaalaa Shaashamannee

Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa  bara 2017 manneen murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee gaggeessee jira.
Bitootessa 27,2017 Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa  bara 2017 manneen murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee taasise.
 Gamaaggamicha irratti pirezdaantotni Manneen Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee gabaasicha dhiyeessan irratti hojiiwwan ijoo baatii saglan darbaniif hojjataa turan wal duraa duubaan dhiyeessuu dhaan hojiiwwaan gurguddoo daangaa gabaasaa kana keessatti raawwataman irratti yaadotni karaa hirmaattota waltajjichaatii fi Koree Bulchiinsa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamanneetiin kaafamanii mariin bal'aan taasifamee jira. Keessumattuu hojiin  manneen murtiii aadaa ijaaramee xumuramee  tajaajila kennaa jiraachuun akka milkaa'innatti kan  kaasanii jiru. Gama biraan Koreen  Keessummeessaa hundaa'ee manneen murtii hundatti abbaa dhimmaa itti dhiyeenyaan burjaajjii tokko malee tajaajila akka argatan haalli hojiin eegalame cimee akka itti fuufu kaasanii jiru. Kana cinattis media idilee fi al-idilee fayyadamuudhaan tajaajila hawaasni argatuuf hawaasa bira dhaqqabaa jiraachuun cimee itti fuufu akka qabu kaasaniiru. Hojiiwwan TQO walqabatee abbaan dhimmaa baasii hin taaneef akka hin saaxilamneef akkasumas tajaajila si'ataa kennuu irratti tajaajila fooyya'aa kennaa jiraachuun isaa gabaasicha irraa hubatamee jira
  Gabaasicha dhiyaate irrattis ciminnii fi hanqinni jiru adda baheen mariin bal'aan irratti godhamee booda kallattiin fuulduraa kaayamuudhaan goolabameera.

Related Post

Popular post