Thursday, June 25, 2026
Manni murtii Olaanaa Magaalaa shaashamannee leenjii namusaa hojjattoota bulchiinsaatiif kenne.
Gurraandhala 30, 2016 Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamannee dhimma naamusaa irratti hojjattootaa manneen murtii magaalaa Shaashamanneetiif kennanii jiru. Leenjichi haala naamusa hojjattoota irratti Kan kenname yoo ta'u amanamummaa fi itti gaafatamummaa dhaan hawaasa tajaajiluun rakkoo hawaasaa furuuf xiyyeeffannoon guddaa kennamuufii akka qabu dhaamanii jiru. Leenjicha irrattis qajeeltoowwan baayyeen kaafamanii hubannoon hawaasaaf kennamee jira. Leenjicha Kan Kennan Abbaa seeraa Obbo Edaasoo Baamud akka jedhanitti dhimmi naamusaa dhimma murteessaa fi hundi keenya kabajuuf dirqama qabna jedhaniiru.
Dhuma irrattis kallattiin fuulduraa fi gaaffilee hawaasa keessaa kaafamaniif pirezdaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee kabajamoo obbo Yuusuf Qaalluutiin deebiin quubsaa laatamee leenjicha goolabameera.