Leenjiin Bulchiinsa Galmee Dijitaalawaa

user 12-Mar-2024 MMO Magaalaa Shaashamannee

Sadaasa 22,2016 Leenjiin Bulchiinsa Galmee Dijitaalawaan Manneen Murtii Magaalaa Shaashamanneetiif Kenname.

Leenjiin Daataabezii fi I_Faayilingii Hojjattoota Manneen murtii magaalaa shaashamannee sadarkaa sadarkaa jiraniif haala gaariin kennameera. Leenjicha irratti qooda Kan fudhatan Abbaa Adeemsa KTAS, Pirezdaantii Manneen Murtii Aanaa Kutaa magaalaa, Oofisara Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa fi Mana Murtii Aanaa akkasumas Hojjattoota TQO Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee yoo ta'u, Leenjichi Kan kenname Karaa MMWO ti. Leenjicha irratti MMWO dhaddacha dhaabbii kibbaas Kan hirmaate yoo ta'u  leenjichi Kan qophaa'e qindeessummaa MMO Magaalaa Shaashamanneetiin. Leenjichi dandeettii hojjattoota Kan gabbisuudha. Leenjichi akkaataa bulchiinsa dijitaalawaa galmee too'achuu yoo ta'u guutumatti sirnichi hojiirra akka ooluuf leenjii kennameedha. Bulchiinsi galmee dijitaalawaan Kunis baasii abbaa dhimmaa, burjaajjii abbaa dhimmaa, qisaasama yeroo akkasumas ragaa sirnaan bulchuuf haala mijataa ta'een kan hojjatamedha.

Related Post