Thursday, June 25, 2026
โช "Sirna Falmii Elektiroonikaa" jechuun sirna teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo fayyadamuun adeemsa baniinsa galmee irraa eegalee,sirna dhagahaa fi kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa itti aanuun jiran hunda kan hammatu jechuudha.
Sirni falmii elektiroonikaa hojii irra oolu gosoota armaan gadii of keessaa ni qabaata:โ 1. Sirna Faayila Elektiroonikaa: Kana jechuun sirna T๐ค๐(teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo) fayyadamuudhaan himata,deebii,ol'iyyata,iyyata,ajajaa fi tajaajila adda addaa Manni Murtii kennu,Mana Murtii tokko irraa gara Mana Murtii biraatti ykn dhaddacha tokko irraa gara dhaddacha biraatti ittiin simatamu ykn ergamu ykn abbaan dhimmaa gara Mana Murtiitti ittiin ergatu ykn Mana Murtii irraa itti simatu jechuudha.
โ 2. Sirna Dhagaha Halaalaa: Kana jechuun sirna Abbaan dhimmaa qaamaan Mana Murtii dhaquun osoo hin barbaachisin mala teekinoolojii qunnamtii odeeffannoo Mana Murtii keessatti diriireen fayyadamuun Mana Murtii beellama qabsiisuu ykn Mana Murtii isatti dhiyoo jiru dhaquun ykn dhaquu osoo hin barbaachisin haala isaaf mijate biroon tajaajila barbaadu argachuu jechuudha.
โ 3. Sirna Kanfaltii Ekektiroonikaa: Kana jechuun tooftaa daddabarsa qarshii Baankii Biyyooleessaa Itoophiyaatiin hayyamamee fi MMWO tiin beekamtii argateen kaffaltii tajaajila abbaa seerummaa fi dhimmoota adda addaatiif karaa elektiroonikaa raawwatamuu fi qabsiifamu jechuu dha.
โ 4. Sirna Ergaa Gabaabaa: Kana jechuun tooftaa Abbaan dhimmaa bilbila harkaa fayyadamuudhaan odeeffannoo galmee isaa sirna Manni Murtii diriirseen fayyadamuun ergaa gara barreeffamaatiin argatu jechuudha.
โ 5. Sirna Suur-sagalee: Kana jechuun adeemsa hojii dhaddachaa suuraa socho'aa fi sagalee yookiin suuraa socho'aa waraabame jechuudha.
Ragaan sagalee ykn suur-sagaleen waraabame gara barreeffamaatti jijjiiramee galmeen walqabatee,Lakkoofsi addaa kennameefi iddoo nageenyummaa isaa mirkanaa'etti kuufamuu qaba,Dambii T๐ค๐ Lakk.11/2016 keewwata 16(4).6. Sirna Bulchiinsa Dhimmootaa: Kana jechuun sirna Manneen Murtii keessatti diriiruun Bulchiinsi galmee giddu gala tokko irraa ittiin bulfamu,sochii galmee Mana Murtii sadarkaan jiranii ittiin hoogganamuu fi ragaalee akka suur-sagalee,sagalee,suuraa fi ergaa gabaabaa fi kan biroo fudhatuu fi kuusuu jechuudha.
Abbaan dhimmaa hayyama argate sirna Bulchiinsa dhimmaa keessa seenuun sochii galmee isaa hordofuu,murtii,ajajaa fi ragaa galmee biroo argachuu ni danda'a;Dambii T๐ค๐ Lakk.11/2016 keewwata 14(3).โ 7.Sirna Dabaree Abbaa Dhimmaa: Kana jechuun Moosaajii dabaree abbaan dhimmaa ykn dabareen dhimmaa akkaataa duraa duuba dhufaatii isaatiin ittiin keessummaa'u jechuudha.
Abbaan dhimmaa akkaataa dabaree isaatiin keessummeeffamuuf mirga qaba.Bu'uura seera jiruun abbaan dhimmaa dursa argachuu qabu dursa kan keessummaa'u ta'a,Dambii T๐ค๐ Lakk.11/2016 keewwata 15(2,3).fi
โ 8. Sirnoota Biroo Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaaf Oolaniidha.
•••โญ•••
01/12/2016
โโโโโโโ
MMAKMH
โโโโโโโ