Manni MAKMH Kenniinsa Tajaajila TQO Gara garaatti Fayyadamaa jira

user 17-Mar-2025 MMAKM Haruufaa

Manni Murtii Kutaa Magaalaa Haruufaa Kenniinsa Tajaajila Hawaasaa Saffisaa Dhaqqabamaa fi Bu'a Qabeessa Taasisuuf Hojjataa Jira.

_

Manni Murtichaa kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa fi haqa qabeessa taasisuuf teeknoolojii gara garaatti fayyadamaa jiraachuun eerameera.

 

Perezidaantiin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Haruufaa Aaddee Muniiraa Abdulqaadir yaada kennaniin, Manni Murtii kenna tajaajila abbaa seerummaa fooyyessuuf teeknoolojii qunnamtii odeeffannoo gara garaatti fayyadamuun kenna tajaajila hawaasaa dhaqqabamaa taasisuuf hojjataa jiraachuu himaniiru.

 

Qulqullinna tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuufis galmeewwan kuma 11 ol sarverii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa irratti fe'uus eeraniiru.Komii maamilaa hir'isuu, Ittiquufinsa abbootii dhimmaa dabaluu,akkasumas rakkoo naamusaa ittisuuf CCTV Kaameeraa fi siistamoota birootti fayyadamaa jiraachuu kaasan.Tajaajila Manneen Murtii waraqa maleessa taasisuufis hojjataa jiraachuu eeraniiru.

 

Ji'oottan saglan darbanitti manni murtichaa galmeewwan kuma lamaaf dhibba tokko; kunis karoora bara kanaa irraa dhibbeentaa 95 hojjatuu kaasaniiru.Hawaasni himataa fi ragaa sobaa akka lagatu; haqa qofa qabatee gara mana murtii akka dhufuufi haqaan tajaajiluuf qophaa'ummaa qabaachuus dhaamaniiru.

 

Deddeebii abbaa dhimmaa hanbisuu, sirna keessummeessa dabaree abbaa dhimmaa eegsisuu, galmeen abbaa dhimmaa akka hin banne, abbaan dhimmaa baasiif dhamaatii garagaraaf osoo hin saaxilamin bakkuma jiranitti tajaajila akka argataniifis xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuu ogeeyyonni Mana Murtichaa dubbataniiru.

Kenniinsa Tajaajila argataa jiranitti gammachuu qabaachuu abbootiin dhimmaa dubbifne tokko tokko yaada nuuf kennuun, manni murtichaas tajaajila isaa caalmatti dhaqqabamaa fi qulqulluu taasisuuf hojjachuu akka qabus eeraniiru.

Related Post

Popular post