G𝙪𝙮𝙮𝙖𝙖 𝙆𝙖𝙗𝙖𝙟𝙖 𝙁𝙖𝙧𝙧𝙖 𝙈𝙖𝙡𝙖𝙖𝙢𝙢𝙖𝙡𝙩𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖

user 26-Dec-2025 MMO Magaalaa Shaashamannee

𝙈𝙖𝙣𝙣𝙞 𝙈𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙊𝙡'𝙖𝙖𝙣𝙖𝙖 𝙈𝙖𝙜𝙖𝙖𝙡𝙖 𝙎𝙝𝙖𝙖𝙨𝙝𝙖𝙢𝙖𝙣𝙣𝙚𝙚 G𝙪𝙮𝙮𝙖𝙖 𝙆𝙖𝙗𝙖𝙟𝙖 𝙁𝙖𝙧𝙧𝙖 𝙈𝙖𝙡𝙖𝙖𝙢𝙢𝙖𝙡𝙩𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝙈𝙖𝙧𝙞𝙞 𝙋𝙖𝙖𝙣𝙖𝙡𝙞𝙞𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙂𝙖𝙜𝙜𝙚𝙚𝙨𝙨𝙚.
        
Sadaasa 23/03/2018
Shaashamannee

 Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee  dhaadannoo "Dhaloota Safuun Ijaaruun Kenna Tajaajilaa Hoji-maataan " jedhuun  kabaje.

Sagantaan kunis akka addunyaatti yeroo 22ffaa, akka biyyaatti yeroo 21ffaa fi akka naannoo Oromiyaatti yeroo 20ffaaf kan kabajamu yommuu tahu akka Manneen Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannetti marsaa 2ffaaf kabajamee jira.

Pirezdaantiin mana murtii ol'aanaa magaalaa Shaashamannee obbo Yuusuf Qaalluu haasawa baniinsaa tasisaniin akka jedhanitti qabsoo  malaamaltummaa irratti taasifamu dhabamsiisuuf guyyaa farra malaammaltummaa sababeefachaa manneen hojii keenya keessatti  kenna tajaajila ariifataa, haqa qabeessa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa  qabun kennuun amantaa ummataa  cimsuuf ta'uu ibsan.

Barreefamnii ka'uumsa marii paanaaliif ta'u gama dursaa garee naamusaa fi inispeekshiinii Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaashamannee Adde  Meetii Taaddalaatiim dhiyaatee Dhaloota safuu fi naamusa gaarii qabu horachuuf, miidhaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa hubachuun qabsoo farra malaammaltummaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatuu fi hawaasa malaammaltummaa balaalleffatuu fi jibbu uumuuf akka ta'e kaasuudhaan mariin bal'inaan irratti gaggeeffamee booda goolabameera.

Website: www.schcourt.gov.et/court

Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0

Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005

Gmail: schc@gmail.com

Related Post