Thursday, June 25, 2026
pondsSetor0aiame3:68rlM6 rc36bFu16 mcPl351u4hlf6y t1u9734au8 ·
Manni Murtii Aadaa Haqa Hawaasaa baasuun bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhame
'''''''''''''''"""""""""""""""""
Magaalaa Shaashamannee kutaa magaalaa malkaa Sirbaatti Gamaaggamni Raawwii Hojii kurmaana 2ffaa Bara 2017 Mana murtii Aadaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Gaggeeffame.
============================
Mana murtii Aadaa Aadaa fi safuu duudhaa oromoo ganamaa bakkatti deebisuun cinaatti, dhamaatii hawaasa hambisuun hawaasni haqa isaa akka argatuuf hojii hojjatamaa jiruun bu'aa olaanaa argamuutu himama.
Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Aadde Giiftii Bundhaa Gamaaggamni raawwii hojii Mana Murtii Aadaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa ji'oota Jahan darbanii gaggeeffamaa ture irratti hanqinoota gamaaggamaan adda bahan irratti xiyyeeffachuun kan hojjatanii fi harcaatii jiru adda baasuun ciminoota itti fufsiisuun hanqinoota mul'atan furuuf gara fulduraatti ciminaan kan hojjatan ta'uu gamaagamicha irratti argamuun ibsanii jiru
Pirezdaantiin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Obbo Tolosaa Girmaa Kaayyoon Guddaan manneen murtii Aadaa Murtiin Haqaa Abbaa Haqaatiif duudhaa sabni kun qabuu tiksuun tajaajilli haqaa akka kennamuuf ta'uu himanii, Manni Murtii kutaa magaalichaa ijaarsa gaaddisaa fi galii sassaabuun akkasumas, akka manneen murtii idiletti falmii gaggeessuuf yaaluu, Manneen murtii aadaa jaarsummaa kennuun galmeen akka lafa irra harkifatu gochuun hanqina qabaachuu ibsuun, hanqina kana furuuf hawaasa hirmaachisuun dhimmmoota manneen murtiif barbaachisan guutuun murteessaa ta'uu himaanii jiru.
Bulchaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Obbo Tashoomee Muhaammad gamaaggamicha irratti haasaa taasisaniin, Murtii Gama Mana Murtii Aadaatiin kennamu Ilaalchisuun dhimmoota barbaachisoo ta'an deeggarsaan cimsuun hawaasni Mana Murtii aadaa deeggaruun hirmaannaa taasisuuf sochiin cimuu akka qabuufi, qaamoota qooda fudhattoota ta'an waliin xiyyeeffannoo olaanaa itti kennuun kan hojjatan ta'uu ibsuun, gamaggama taasifameen hanqina jiruu furuun Cimina jiru itti fufsiisuun kallattii hojii gara fuulduraa kaa'uun marichaa golabanii jiru.
Pirezdaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Yuusuuf Qaalluu Kaayyoon hundeeffama Mana Murtii Aadaa ummanni keenya tajaajila haqaa, dhaqqabamaa, adeemsa salphaa ta’ee fi baasii xiqqaan akka argatu taasisuu; sirna seeraafi haqaa guddina aadaaf duudhaa Oromootiif gumaachuu fi miirri abbummaa keessatti mirkanaa’e uumuu akka ta'e ibsuun,waldhabdee mudatu gaaddisa aadaa jalatti furuun haqa mirkaneessuuf haqummaan hojjachuun murteessaa ta'uu kaasaniiru.
Abbootiin Gadaa manneen murtii aadaa keessatti tajaajila murtii aadaa kennan mindaa tokko malee quuqamaan hawaasa isaanii tajaajilaa jiraachuu ibsuun, qaamoonni manneen Murtii Aadaa cimsuu keessatti qooda qaban deeggarsa barbaachisaa taasisuun Abbootiin Gadaa fi Haawwoleen Siinqee aadaa fi duudhaa ummata Oromoo utubaa jiraniif tumsuu akka qaban hirmaattoonni marichaa gaafatanii jiru.