Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa hojiilee TQOโ€™n walqabatan:- Haala Itti Fayyadama CAS ,QMS fi DMS irrattii hawaasa Mana Murtichaatiif hubannoo dandeettii cimsuu kennaa ooleera

user 26-Feb-2025 MMAKM B/Gurraachaa

Guyyaan 19-6-2017

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa hojiilee TQO’n walqabatan:- Haala Itti Fayyadama CAS ,QMS fi DMS irrattii hawaasa Mana Murtichaatiif hubannoo dandeettii cimsuu kennaa ooleera. 
Hubannoo kana irratti galmeen ol’iyyannoon ergamu haala kamiin karaa E-Faayilingiin akka ergamu, hanqinni galmee oliyyannoo yoo mudate yeroo gabaabaa keessatti akkamitti sirreeffame akka ergamuu qabu, akkasumas galmeen yeroo ergamu bu’uura irraa ulaagaa oliyyannoof barbaachisu hundaa guutuu isaa mirkanneeffamee ergamuu akka qabuu  fi galmee murtii xumuraa argatee Mana Galmeetti deebi’ee iskaan gochuu dhaan akkamitti DMS irratti akka fee’amu akkasumas Sirna Dabaree Keessummeessa Abbaa Dhimmaa (QMS) haala kamiin fayyadamuu akka qaban karaa hojjettoota Mana Murtichaa guutuu hirmaachiseen hubannoon karaa Ogeessa TQO Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Obboo Ibraahim Hajjiitiin kennamerra. Hawaasni mana murtichaa hubannoon karaa Ogeessa TQOtiin kennameef kun bareedaa fi fuulduras haaluma kanaan itti fufuu akka qabus gaafataniiru. 
 Xumura irratti B/B Pireezidaantii Mana Murtichaa Obbo Edaasoo Baamud kallattii hojii fuula duraa kaayaniin dhimmi TQO’n walqabatu sirritti lafa qabatee haala Qulqullina KTAS mirkaneessuu danda’uun hojii irra ooluu akka qabuu fi keessattuu harcaatiin gama ol’iyyannoo kennuutiin darbee darbee mul’achaa jiru sirreeffamuu dhaan abbaan dhimmaa dhamaatii fi baasii hin malleef akka hin saaxilamne hambisuun sirna KTAS keenya si’ataa, qulqulluu fi dhaqqabamaa akka ta’uuf  ciminaan irratti hojjatamuu akka qabu kallattii kaahuun walgahiin xumuramee jira.

Related Post

Popular post