Thursday, June 25, 2026
Hubannoo Abbaa Dhimmaa
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa gaafa guyyaa 24/6/2017 karaa Koree Keessumeessaa Mana Murtichaatiin abbaa dhimmaa mana murtichaa Mata dureewwan:- 1ffaa ragaa Sobaa hambisuu fi 2ffaa Mana Murtii Aadaattii fayyadamuun dhimma isaanii akka xumurachuu danda’anii fi Manneen Murtii Aadaa akka jajjabeessan hubannoon kennamaafii ooleera. Ragaa sobaa qindeessanii nama himachuun seeraa duraattis akka nama gaafachisu, haqa akka jallisuu fi akkasumas walitti dhufeenya hawaasummaa kan danquu fi akka aadaa fi amantiittis cubbuu waan ta’eef abbaan dhimmaa ragaa sobaa bahuu fi dhiyeessuu irraayis akka of qusatu hubannoon bal’aan kennamaafii ooleera. Dabalataanis abbaan dhimmaa himannaa sobaa dhiyeessuu irraa akka of qusatuu fi himannaan sobaa immoo mirga hin qabne kan nama gonfachiisuu fi haqa nama biraa kan miidhu waan ta’eef hawaasni akka irraa of qusatu hubannoon kennameera. Dhimma Mana Murtii Aadaatti fayyadamuun walqabatee osoo baasii hin baafnee mana isaani taa’anii bakka dhihootti baasii fi xaarii tokko malee karaa Mana Murtii Aadaatiin dhimma isaan akka xumurachuu danda’an hubannoon kennamaafii ooleera.