Thursday, June 25, 2026
Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Manneen Murtii Gaggeesse.
Muddee 28, 2018 Shaashamannee
Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamannee gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2018 manneen murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee taasisee jira. Gamaaggamicha irratti pirezdaantotni Manneen Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Shaashamannee gabaasicha dhiyeessanii hojiiwwan gurguddoo baatii jahan darbaniif hojjataa turan wal duraa duubaan dhiyeessuu dhaan hojiiwwaan gurguddoo daangaa gabaasaa kana keessatti raawwataman irratti yaadotni karaa Koree Bulchiinsa Mana Murtii Ol'aanaa fi Aanaatiin kaafamanii mariin bal'aan taasifamee jira.
Koreen Keessummeessaa sadarkaa manneen murtii lamaanittuu hundaa'ee manneen murtii hundatti abbaa dhimmaa itti dhiyeenyaan burjaajjii tokko malee tajaajila akka argatan haalli hojiin eegalame cimee akka itti fuufu kaasanii jiru. Kana cinattis media idilee fi al-idilee fayyadamuudhaan tajaajila hawaasni argatuuf hawaasa bira dhaqqabaa jiraachuun cimee itti fuufu akka qabu kaasaniiru. Hojiiwwan TQO ilaalchisee Dhagaha Halaalaa hundeessuun haalli mijataan uumamee hojii eegaluudhaan sadarkaa gandatti hojiin.eegalame cimee akka itti fuufu; abbaan dhimmaa baasii hin taaneef akka hin saaxilamneef akkasumas tajaajila si'ataa kennuu irratti tajaajila fooyya'aa kennaa jiraachuun isaa gabaasicha irraa hubatamee jira.Xumura irratti gabaasicha dhiyaate irrattis ciminnii fi hanqinni jiru adda baheen mariin bal'aan irratti godhamee booda kallattiin fuulduraa kaayuudhaan Pirezdaantii MMO Magaalaa Shaashamannee kan ta'an Kabajamoo Obbo Yuusuf Qaalluu goolabanii jiru.
Odeffannoo dabalataaf:
Website: www.schcourt.gov.et/court
Telegram channel https://t.me/+HHPfi38cVpY2M2Y0Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61550199127005
Gmail: schc@gmail.com