Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamannee Manneen murtii Aadaa sadarkaan jiraniif leenjii kenne.

user 03-Aug-2024 MMO Magaalaa Shaashamannee

Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee Marsaa1ffaan Gaggeeffame.
""”""""""""""&&&""""""""""""""
Hundeeffamarraa kaasee sochii kenniinsa tajaajila seeraa Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamannee Manneen Murtee Aanaalee Magaalichaa wajjiin qindoominaan kennaa jiru xiinxalluufi kallattii hojii itti aanuu kaa'uuf Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee 1ffaan keessummootaafi qooda fudhattoota gara garaa hirmaachisuun haala midhaagaadhaan gaggeeffameera.

Keessummoonni gara garaa Mana Murtii Walii Gala Oromiyaa, Manneen Murtii Olaanaa Magaalaa Roobeefi Godinaalee ollaa, akkasumaallee hooggansaafi kutaa hawaasaa adda aaddaa dabalatee Pirezidaantonniifi Abbootiin seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee yaa'ii seena qabeessa kana qooddataniiru.

Barreeffamni raawwii hojii tajaajila seeraa hanga ammaa agarsiisuufi kallattii hojii itti aanuu ibsu dhihaachuun bal'inaan irratti mari'atamee kallattiin hojii tajaajila seeraa bara itti aanuu kaa'ameera.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Abdussalaam Muhaammad yaa'icha irratti haasaa taasisaniin rakkoon kenna tajaajilaa abbaa seerummaa ijoo ummata dararaa ture ta'uu kaasuun, yaa'iin kun Manneen Murtee magaalichaa qindoominaan hojii raawwataniin gama kanaan jijjiiramni abdachiisaan galmaa'uu kan itti ifoome yaa'ii milkaa'aafi seena qabeessa ta'uu himaniiru.

Tajaajila haqaa qulqullinaafi si'aayinaan kennuuf ragaa sobaa hambisuufi tajaajila waraqa maleessa tekinojiin kennuun murteessaa ta'uu fi tajaajilli haqaa loogii irraa bilisa ta'e akka kennamuuf ogeeyyiifi qaamoleen seeraa naamusaafi quuqamaan tajaajiluu akka qaban dubbatanii, rakkoo jiru furuufi  ragaa sobaa hambisuuf  akka qaama raawwachiisaatti ni hojjanna jedhaniiru.

Qulqullinaafi si'aayina olaanaan tajaajila abbaa seerummaa kennuuf tekinolojiin deeggaramuun qulqullina naamusa abbootii seeraa hordofaa qaamolee seeraafi hawaasa wajjiin qindoominaan hojii hojjatamee kenni tajaajila seeraa Manneen Murtii magaalichaa fooyya'aa dhufuu kan ibsan Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Yuusuf Qaalluu, ragaan sobaa rakkoo hammaataa kenna tajaajilaa seeraa danqaa jiru ta'uu himanii, hunduu ragaa dhugaa bahuuniifi qaama ragaa sobaa qindeessuun dhugaa isaaf hin malle argachuuf socho'u saaxiluun murtii haqaatiif tumsuu qaba jedhaniiru.

Manneen Murtii aadaa kakuu sodaachisaan waan murteessaniif milkaa'ina murtii haqaatiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himanii, raawwii hojii irratti sadarkaa Manneen Murtii Magaalichaatti rakkoon humna namaafi kanneen biroo jiraachuu kaasuun qaamoleen dhimmi ilaalu akka furan gaafataniiru.

Bakka Bu'aan Mana Murtii Walii Gala Oromiyaa Obbo Joon Bantii qulqullinaafi si'aayinaan tajaajila abbaa seerummaa kennuuf gubbaa hanga gadiitti sisteema too'annoofi xiinxalla qulqullinaa diriirsuun hojii qindoominaan hojjatameen bu'aan abdachiisaan dhufuufi ilaalchi hawaasni mana murtiif qabu jijjiiramaa dhufuu kaasanii, ammas qaamolee seeraa, Manneen Murtii Aadaafi hawaasa bal'aa wajjiin qindoominaan hojjanna jedhaniiru.

Rakkoolee humna namaafi kanneen biroo marii keessatti ka'an hiikuuf kan hojjatan ta'uus dubbataniiru.

Hirmaattonni yaa'ichaa yaada kennaniin kenni tajaajila abbaa seerummaa Manneen Murtii Magaalichaa qulqullinnaafi saffisaan kennamaa jiraachuu Yaa'ichi kan agarsiisu ta'uu himanii, hanqinnaaleefi rakkoolee addaa baahan irratti ciminaan hojjatamuu qaba jedhaniiru.

Dhumarratti qaamolee milkaa'ina kenna tajaajilaa abbaa seerummaaf shoora isaanii adda durummaan bahataniif badhaasni gara garaafi waraqaan ragaa kennamuun, ibsa ejjannoo kallattii hojii itti aanuu qabxiilee torba qabu dhihaachuun waadaan erga galamee yaa'ichi goolabameera.

Related Post