Manni Murtii Kutaa Magaalaa Allachee Labsii 250/2015 Hundaayuun Bara 2016 Erga Hojii Eegalee As Hojiiwwan Kenna Tajaajilaa Si'ataa Fi Si'oominna Qabu Hawaasaaf Kennuun Gahee Ofii Bahataa Jiru. Manni Murtii Kun Abbootii Dhimmaa Tajaajila Haqaa Barbaacha Garasitti Imalan Tajaajila Saffisaa, Dhaqqabamaa Fi Haqa Qabeessa Dhiheenyatti Akka Argataniif Hojjataa Jiraachuu Ragaan Arganne Ni Agarsiisa.
Erga Manneen Murtii Kutaalee Magaalaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Gadi Bu'anii Hawaasni Tajaajila Haqaa Barbaaduuf Fagoo Osoo Hin Imalin, Dhaamaatii Fi Baasii Gara Garaatiif Osoo Hin Saaxilamin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Allacheetti Dhiheenyatti Tajaajila Argataa Jiraachuu Abbootiin Dhimmaa Himaniiru.
Perezidaantiin Mana Murtii Kutaa Magaalaa Allachee Obboo Muhaammad Kamaal Ergaa Dabarsaniin, Manni Murtichaa Teekinoolojii Gara Garaatti Fayyadamuun, Tajaajila Kenninu Si'ataa Fi Qulqulluu Akka Ta'uu Fi Hawaasni Caalmatti Akka Fayyadamuuf Kan Gargaaru Ta'uu Eeraniiru.
Manni Murtii Kutaa Magaalaa Allachee Kenna Tajaajilaa Bu'a Qabeessa, Si'ataa Fi Dhaqqabamaa Taasisuuf Teeknoolojiin Deeggaramuun, Tarsiimoo Manneen Murtii Gara Waraqa Maleessaatti Ceesisuu Jedhu Hojiirra Oolchuuf Kutannoon Hojjataa Jiraachuu Ibsaniiru.
Erga Manni Murtii Kutaa Magaalichaa Fulbaana Bara 2016 Hundaayee Kaasee Galmeewwan 3176 Ilaaluu Fi Dhibbeentaa 95 Murtii Kennuun Hawaasni Tajaajila Haqaa Saffisaa Fi Dhaqqabamaa Ta'e Argataa Jiraachuu Himaniiru.
Karoora Bu'aa Irratti Xiyyeeffate Baafachuufi Hojitti Galuun Hawaasa Tajaajilaa Kan Jiranii Fi Namoota Harka Qalleeyyiifis Tajaajila Abukaatummaa Bilisaa Ogeeyyii Isaaniitiin Kennaa Jiraachuu Kaasuun, Ragaa Sobaa Mul'atus Hambisuufi Dhaqqabamummaa Abbaa Dhimmaa Fiduufis Koree Keessummeessituu Hundeessuuf Hordoffii Taasisuun Ogeeyyonni Mana Murtichaa Gahee Ofii Bahataa Jiraachuu Kaasaniiru.
Bilisummaa Abbaa Seerummaa Mirkaneessuufis Hubannoo Kennuu, Akkasumas Sirni Ittigaafatamummaa Diriire Akka Hojiirra Oolus Xiyyeeffannoon Kan Hojjatamu Ta'uu Ibsuun, Hawaasni Dhiheenyatti Tajaajila Haqaa Dhaqqabamaa Akka Argatus Mana Murtii Aadaa Itti Dhiheenyaan Deeggaruun Gahee Ofii Bahataa Jiraachuus Eeraniiru.