MMAKM B/Gurraachaa

Guyyaa 19/09/2017
                                            Oolmaa Dhaddachaa
Himatamtoonni Lamaan Maqaan Isaanii Mallasee Shaaphaa Fi Haarun Suruu Jedhaman Yakka Daldala Seeraan Alaatiin Galmee Garagaraatiin Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti Kan Himataman Yoo Ta’u, Haaluma Kanaan Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Himannaa Yakkaa Himatamtoota Lameen Irratti Galmee Garagaraatiin Bu’uuresseen Himatamaan Mallasee Shaaphaa Jedhamu Hayyama Daldalaa Naannoo Sidaamaa Qabatee Iddoo Hojii Daldalaa Itti Gaggeessaa Jiru Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Osoo Hin Beeksisin Hojii Daldalaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Keessatti Hojjachaa Ture Jechuu Dhaan Bu’uura Labsii Galmeessa Daldalaa Fi Kenniinsa Hayyama Daldalaa Lakk. 980/2008 Keewwata 26(7) Fi 49(8)tiin Kan Himate Yoo Ta’u, Himatamaan Haarun Suruu Jedhamu Immoo Gatii Meeshaalee Iddoo Ifaa Ta’etti Osoo Hin Maxxansin Hojii Daldalaa Hojjachaa Ture Jechuu Dhaan Bu’uura Labsii Shammaatotaa Federaalaa Lakk. 813/2005 Keewwata 15(1) Fi 43(6)tiin Himateera.
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaas Dhimmicha Ilaalee Falmisiisuu Dhaan Jecha Himatamtootaa Kan Dhagahe Yoo Ta’u, Himatamtoonni Lamaanuu Galmeelee Irratti Himataman Lamaanuu Irratti Akkaatuma Himannaa Yakkaa Isaan Irratti Bu’uuree Jiruutiin Kan Amanan Waan Ta’eef Balleessaa Jechuu Dhaan Adabbii Isaanii Fi Fakkaattota Isaanii Barsiisuu Danda’u:- 1ffaa Himatamaa Mallasee Shaaphaa Jedhamu Adabbii Hidhaa Salphaa Baatii 10 Fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 17,000(kuma Kudha Torbaatiin) Akka Adabamuu Fi 2ffaa Himatamaa Haarun Suruu Jedhamu Immoo Adabbii Hidhaa Salphaa Baatii Lamaa Fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 10,000(kuma Kudhaniitiin) Akka Adabamu Dhaddacha Guyyaa 19/09/2017 Ooleen Murtii Dabarseera.
Nutis Daldalli Seeraan Alaa Alseerummaa Kan Babaldhisuu Fi Galii Mootummaa Gadi Buusuu Dhaan Diinagdee Biyyaa Irratti Dhiibbaa Hamaa Kan Geessu Waan Ta’eef Hawaasni Keenya Gochaa Alseerummaa Akkanaa Irraa Akka Of Qusatuu Fi Kan Hojii Daldalaa Irratti Bobba’us Ulaagaa Seeraan Kaayame Guuttatee Akka Hojjatu Cimsinee Dhamsa Dabarsina.

Guyyaan 19-6-2017

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Hojiilee TQO’n Walqabatan:- Haala Itti Fayyadama CAS ,QMS Fi DMS Irrattii Hawaasa Mana Murtichaatiif Hubannoo Dandeettii Cimsuu Kennaa Ooleera. 
Hubannoo Kana Irratti Galmeen Ol’iyyannoon Ergamu Haala Kamiin Karaa E-Faayilingiin Akka Ergamu, Hanqinni Galmee Oliyyannoo Yoo Mudate Yeroo Gabaabaa Keessatti Akkamitti Sirreeffame Akka Ergamuu Qabu, Akkasumas Galmeen Yeroo Ergamu Bu’uura Irraa Ulaagaa Oliyyannoof Barbaachisu Hundaa Guutuu Isaa Mirkanneeffamee Ergamuu Akka Qabuu  fi Galmee Murtii Xumuraa Argatee Mana Galmeetti Deebi’ee Iskaan Gochuu Dhaan Akkamitti DMS Irratti Akka Fee’amu Akkasumas Sirna Dabaree Keessummeessa Abbaa Dhimmaa (QMS) Haala Kamiin Fayyadamuu Akka Qaban Karaa Hojjettoota Mana Murtichaa Guutuu Hirmaachiseen Hubannoon Karaa Ogeessa TQO Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Obboo Ibraahim Hajjiitiin Kennamerra. Hawaasni Mana Murtichaa Hubannoon Karaa Ogeessa TQOtiin Kennameef Kun Bareedaa Fi Fuulduras Haaluma Kanaan Itti Fufuu Akka Qabus Gaafataniiru. 
 Xumura Irratti B/B Pireezidaantii Mana Murtichaa Obbo Edaasoo Baamud Kallattii Hojii Fuula Duraa Kaayaniin Dhimmi TQO’n Walqabatu Sirritti Lafa Qabatee Haala Qulqullina KTAS Mirkaneessuu Danda’uun Hojii Irra Ooluu Akka Qabuu Fi Keessattuu Harcaatiin Gama Ol’iyyannoo Kennuutiin Darbee Darbee Mul’achaa Jiru Sirreeffamuu Dhaan Abbaan Dhimmaa Dhamaatii Fi Baasii Hin Malleef Akka Hin Saaxilamne Hambisuun Sirna KTAS Keenya Si’ataa, Qulqulluu Fi Dhaqqabamaa Akka Ta’uuf  ciminaan Irratti Hojjatamuu Akka Qabu Kallattii Kaahuun Walgahiin Xumuramee Jira