MMAKM Haruufaa

 
โžช "Sirna Falmii Elektiroonikaa" Jechuun Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Fayyadamuun Adeemsa Baniinsa Galmee Irraa Eegalee,sirna Dhagahaa Fi Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Itti Aanuun Jiran Hunda Kan Hammatu Jechuudha.
  Sirni Falmii Elektiroonikaa Hojii Irra Oolu Gosoota Armaan Gadii Of Keessaa Ni Qabaata:

โž 1. Sirna Faayila Elektiroonikaa: Kana Jechuun Sirna T๐—ค๐Ž(teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo) Fayyadamuudhaan Himata,deebii,ol'iyyata,iyyata,ajajaa Fi Tajaajila Adda Addaa Manni Murtii Kennu,Mana Murtii Tokko Irraa Gara Mana Murtii Biraatti Ykn Dhaddacha Tokko Irraa Gara Dhaddacha Biraatti Ittiin Simatamu Ykn Ergamu Ykn Abbaan Dhimmaa Gara Mana Murtiitti Ittiin Ergatu Ykn Mana Murtii Irraa Itti Simatu Jechuudha.

โž 2. Sirna Dhagaha Halaalaa: Kana Jechuun Sirna Abbaan Dhimmaa Qaamaan Mana Murtii Dhaquun Osoo Hin Barbaachisin Mala Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Diriireen Fayyadamuun Mana Murtii Beellama Qabsiisuu Ykn Mana Murtii Isatti Dhiyoo Jiru Dhaquun Ykn Dhaquu Osoo Hin Barbaachisin Haala Isaaf Mijate Biroon Tajaajila Barbaadu Argachuu Jechuudha.

โž 3. Sirna Kanfaltii Ekektiroonikaa: Kana Jechuun Tooftaa Daddabarsa Qarshii Baankii Biyyooleessaa Itoophiyaatiin Hayyamamee Fi MMWO Tiin Beekamtii Argateen Kaffaltii Tajaajila Abbaa Seerummaa Fi Dhimmoota Adda Addaatiif Karaa Elektiroonikaa Raawwatamuu Fi Qabsiifamu Jechuu Dha.

โž 4. Sirna Ergaa Gabaabaa: Kana Jechuun Tooftaa Abbaan Dhimmaa Bilbila Harkaa Fayyadamuudhaan Odeeffannoo Galmee Isaa Sirna Manni Murtii Diriirseen Fayyadamuun Ergaa Gara Barreeffamaatiin Argatu Jechuudha.

โž 5. Sirna Suur-sagalee: Kana Jechuun Adeemsa Hojii Dhaddachaa Suuraa Socho'aa Fi Sagalee Yookiin Suuraa Socho'aa Waraabame Jechuudha.
  Ragaan Sagalee Ykn Suur-sagaleen Waraabame Gara Barreeffamaatti Jijjiiramee Galmeen Walqabatee,Lakkoofsi Addaa Kennameefi Iddoo Nageenyummaa Isaa Mirkanaa'etti Kuufamuu Qaba,Dambii T๐—ค๐Ž Lakk.11/2016 Keewwata 16(4).6. Sirna Bulchiinsa Dhimmootaa: Kana Jechuun Sirna Manneen Murtii Keessatti Diriiruun Bulchiinsi Galmee Giddu Gala Tokko Irraa Ittiin Bulfamu,sochii Galmee Mana Murtii Sadarkaan Jiranii Ittiin Hoogganamuu Fi Ragaalee Akka Suur-sagalee,sagalee,suuraa Fi Ergaa Gabaabaa Fi Kan Biroo Fudhatuu Fi Kuusuu Jechuudha.
  Abbaan Dhimmaa Hayyama Argate Sirna Bulchiinsa Dhimmaa Keessa Seenuun Sochii Galmee Isaa Hordofuu,murtii,ajajaa Fi Ragaa Galmee Biroo Argachuu Ni Danda'a;Dambii T๐—ค๐Ž Lakk.11/2016 Keewwata 14(3).

โž 7.Sirna Dabaree Abbaa Dhimmaa: Kana Jechuun Moosaajii Dabaree Abbaan Dhimmaa Ykn Dabareen Dhimmaa Akkaataa Duraa Duuba Dhufaatii Isaatiin Ittiin Keessummaa'u Jechuudha.
  Abbaan Dhimmaa Akkaataa Dabaree Isaatiin Keessummeeffamuuf Mirga Qaba.Bu'uura Seera Jiruun Abbaan Dhimmaa Dursa Argachuu Qabu Dursa Kan Keessummaa'u Ta'a,Dambii T๐—ค๐Ž Lakk.11/2016 Keewwata 15(2,3).

fi
โž 8. Sirnoota Biroo Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaaf Oolaniidha.
           •••โˆญ•••
      01/12/2016
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•
 MMAKMH
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•

 Manneen Murtii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Fi Bulchiinsa Keessoo Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannootiin Deeggaruun Tajaajila Ammayyaa'aa Qulqulluu,dhaqqabamaa,si'ataa Fi Bu'a Qabeessa Ta'e Kennuun Itti Quufinsa Abbootii Dhimmaa Dabaluu Qabu.Itti Fayyadama Meeshaalee Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo(TQO) Waliin Wal Qabatee Gahee Fi Dirqamni Ofiisaroota Seeraa Fi Abbootii Seeraa Maali? Dubbisa Gaarii!!

โ˜…#Gahee_fi_Dirqama_Hojii_Ofiisara_Seeraa:
#Ofiisarri_Seeraa:-
โ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Keessatti Hojii Irra Oole Fayyadamuun Abbaa Dhimmaa Keessummeessuu Qaba;
โ˜žHimata,deebii,iyyata Yookiin Ol'iyyanni Sirna Faayila Elektiroonikaan Dhiyaatu Ulaagaa Teekinikaa Guutee Dhiyaachuu Isaa Mirkaneessuun Qaama Aangoo Qabuuf Ni Dabarsa,banee Dhaddachaaf Ni Dhiyeessa;
โ˜žWaraqaa Waamichaa,deebii,ajaja Adda Addaa Fi Iyyata Adda Addaa Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Fayyadamuun Qaama Ilaaluuf Ni Erga,ni Fudhata;
โ˜žHimata,deebii,iyyannoo Yookiin Iyyata Adda Addaa Ulaagaa Hin Guunne Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Fayyadamuun Qaama Aangoo Qabu Waliin Mari'atee Battalumatti Abbaa Dhimmaa Yookiin Mana Murtii Erge Beeksisuun Yeroo Sirreeffamee Deebi'utti Dursa Kennuun Keessummeessuu Qaba;
โ˜žKaffaltii Abbaa Seerummaa Fi Maallaqa Adda Addaa Moodelaan Qabamu Sirna Kaffaltii Elektiroonikaan Akka Raawwatamu Ni Taasisa Ragaa Isaas Ni Qabata;
โ˜žNagahee Kaffaltii Elektiroonikaa Dhiyaatu Gara Nagahee Galii Itti Muruun Qaama Dhimmi Ilaaluuf Ni Dabarsa;
โ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Hojii Irra Oole Nageenyummaa Fi Icciitummaa Isaa Eeguun Kaayyoo Barbaadameef Qofa Oolchuu Qaba;
โ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaan Yeroo Hojjatu Daangaa Fi Istaandardii Yeroo Kaa'ame Keessatti Hojjachuu Qaba;
โ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaan Yeroo Hojii Isaa Hojjetu Galmee Ol'iyyannoo Wal Fakkaatan Yeroo Lama(2) Banuu Hin Qabu;fi
โ˜žHojii Sirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoon Hojjataman Qindeessuun Qaama Dhimmi Ilaaluuf Gabaasa Dhiyeessuu Qaba.

โ˜…#Gahee_fi_Dirqama_Hojii_Abbaa_Seeraa:
#Abbaan_Seeraa:-
โ˜žโ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Hojii Irra Oole Fayyadamuun Tajaajila Abbaa Seerummaa Ni Kenna;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Elektiroonikaatiin Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Hojjatu Mirgoota Dhala Namaa Eegumsa Heeraa Fi Seeraa Qaban Kabajuu Fi Kabachiisuuf Dirqama Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Keessatti Hojiirra Oole Nageenyummaa Fi Icciitummaa Isaa Eeguun Kaayyoo Barbaadameef Oolchuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Mana Murtii Keessatti Diriiretti Fayyadamuun Dhaddachaan Alatti Haala Kabajaa Fi Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa Eegeen Abbootii Seeraa Mana Murtichaa Waliin Yookiin Abbootii Seeraa Mana Murtii Biroo Hanqinna Abbaa Seeraa Qabu Waliin Moggaafamee Dhaddacha Yookiin Marii Geggeessuu Ni Danda'a;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Geggeessu Daangaa Fi Istaandaardii Yeroo Kaa'ame Keessatti Hojjachuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Geggeessu Dhimmoota Dhaddacha Cufaan Ilaalamuu Qaban Bu'uura Seera Rogummaa Qabuun Keessummeessuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Gaggeessu Sababa Humnaa Oliitiin Hojiin Dhaddachaa Kan Addaan Cite Yoo Ta'e,fi Rakkoon Humnaa Olii Muudate Furamuu Kan Hin Dandeenye Yoo Ta'e,beellama Dabalataa Kennuun Beellama Itti Aanutti Hojii Dhaddachaa Iddoo Dhaabbatee Akka Itti Fufu Taasisuu Qaba;
โ˜žโ˜žSirna Falmii Ekekitiroonikaa Fayyadamuun Yeroo Hojii Abbaa Seerummaa Gaggeessutti Sababa Humnaa Oliitiin Dhaddachi Gaggeeffamuu Kan Hin Dandeenye Yoo Ta'e,haala Dhimmichaa Irratti Hundaa'uun Beellama Dabalataa Kennuu Ni Danda'a.

Popular post